‏ 1 Chronicles 15

Taabonni Gara Yerusaalem Fidame

15:25–16:3 kwf – 2Sm 6:12‑19

1Daawit erga ofii isaatiif Magaalaa Daawit keessatti mana ijaarratee booddee taabota Waaqaatiif lafa qopheessee dunkaana dhaabe. 2Ergasiis Daawit, “Waan Waaqayyo akka isaan taabota Waaqaa baatanii bara baraan fuula isaa dura tajaajilaniif isaan filateef, Lewwota malee namni biraa taabota Waaqayyoo hin baatin” jedhee ajaje.

3Daawitis taabota Waaqayyoo iddoo qopheesseef sanatti fiduuf Israaʼeloota hunda Yerusaalemitti walitti qabe.

4Innis sanyiiwwan Aroonii fi Lewwota walitti waame; isaanis:

5Ilmaan Qohaati keessaa,
Uuriiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 120;
6ilmaan Meraarii keessaa,
Asaayaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 220;
7ilmaan Geershoom keessaa,
Yooʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 130;
8ilmaan Eliisaafaan keessaa,
Shemaaʼiyaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 200;
9ilmaan Kebroon keessaa,
Eliiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 80;
10ilmaan Uziiʼeel keessaa,
Amiinaadaab hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 112.

11Ergasiis Daawit luboota jechuunis Saadoqii fi Abiyaataar akkasumas Lewwota jechuunis Uuriiʼeel, Asaayaa, Yooʼeel, Shemaaʼiyaa, Eliiʼeelii fi Amiinaadaabin ni waame; 12akkanas isaaniin jedhe; “Isin hangafoota maatiiwwan Lewwotaa ti; isinii fi Lewwonni akka keessanii of qulqulleessaa; ergasiis taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel gara iddoo ani qopheesseefitti fidaa. 13Sababii isin Lewwonni yeroo jalqabaatti taabota sana hin fidiniif Waaqayyo Waaqni keenya nutti dheekkame. Nu akka seerri ajajutti isa hin barbaaddanneetii.” 14Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel sana fiduuf of qulqulleessan. 15Lewwonni akkuma kan Museen dubbii Waaqayyootiin ajajetti taabota Waaqaa sana danqaraadhaan gatiittii isaaniitti ni baatan.

16Daawitis akka isaan meeshaa muuziiqaatiin jechuunis kiraaraan, baganaa fi kililleedhaan faarfannaa gammachuu faarfataniif akka isaan obboloota isaanii muudaniif Lewwota dura deemtotatti ni hime.

17Kanaafuu Lewwonni Heemaan ilma Yooʼeel muudatan; obboloota isaa keessaa immoo Asaaf ilma Berekiyaa, obboloota isaanii gosa Meraarii keessaa Eetaan ilma Qushaayaa ni muuddatan; 18isaan wajjinis obboloota isaanii kanneen isaanitti aannan: Zakkaariyaas, Yaʼaziiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaab, Benaayaa, Maʼaseyaa, Matiitiyaa, Eliipheleehuu, Miiqneyaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel eegdota balbalaa turan.

19Faarfattoonni Heemaan, Asaafii fi Eetaan jedhaman akka kilillee naasiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii faarfannaa dhageessisaniif ni muudaman; 20Zakkaariyaas, Aziiʼeel Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaabi, Maʼaseyaanii fi Benaayaa immoo akka seera alamootiitti
Alamootiin gosa muuziiqaa ti.
kiraaraan faarfatu ture;
21akkasumas Matiitiyaan, Eliipheleehuu, Miiqneyaan, Oobeed Edoom, Yeʼiiʼeel, Azaaziyaan akka seera shiimiiniitiitti
Shiimiiniitiin gosa muuziiqaa ti.
baganaa taphatu ture.
22Kenaaniyaan hangaftichi Lewwotaa itti gaafatamaa faarfannaa ture; innis itti gaafatamummaa kana sababii ogummaa isaa qabuuf fudhate.

23Berekiyaa fi Elqaanaan eegdota balbala taabotaa turan. 24Luboonni jechuunis, Shebaniyaan, Yooshaafaaxi, Naatnaaʼel, Amaasaayi, Zakkaariyaas, Benaayaanii fi Eliiʼezer fuula taabota Waaqaa duratti malakata afuufu ture. Oobeed Edoomii fi Yehiyaan immoo eegdota balbala taabotaa turan.

25Kanaafuu Daawitii fi maanguddoonni Israaʼel akkasumas ajajjuuwwan kumaa gammachuudhaan taabota kakuu Waaqayyoo sana mana Oobeed Edoomiitii fiduu dhaqan. 26Isaanis sababii Waaqni Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baatan gargaareef korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa godhan. 27Daawitis wandaboo haphii quncee talbaa irraa hojjetame kan akka uffata Lewwonni taabota sana baatan, kan akka faarfattoonnii fi Kenaaniyaan qajeelchaan faarfannaa faarfattootaa uffatan sanaa uffatee ture. Daawitis dirata quncee talbaa irraa hojjetames uffatee ture. 28Akkasiinis Israaʼel hundi gaanfa korbeessa hoolaatii fi malakata afuufaa, kilillee dhageessisaa, kiraaraa fi baganaadhaan sirbaa taabota kakuu Waaqayyoo sana ni fidan.

29Yeroo taabonni kakuu Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi shuubbisee gammadu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.
Copyright information for GazHAHl