‏ 1 Chronicles 2

Ilmaan Israaʼel

2:1‑2 kwf – Uma 35:23‑26

1Ilmaan Israaʼel warra kanneenii dha: Ruubeen, Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Zebuuloon, 2Daan, Yoosef, Beniyaam, Niftaalem, Gaadii fi Aasheer.

Yihuudaa

2:5‑15 kwf – Rut 4:18‑22; Mat 1:3‑6

Hamma Ilmaan Hezroonitti

3Ilmaan Yihuudaa:
Eeri, Oonaanii fi Sheelaa. Isaan kanneen sadanuu intala Shuuwaa, dubartii Kanaʼaan sanatu isaaf daʼe.
Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture. Kanaafuu Waaqayyo isa ajjeese.
4Taamaar niitiin ilma Yihuudaa Faaresii fi Zaaraa Yihuudaaf deesse.
Yihuudaan walumaa galatti ilmaan shan qaba ture.

5Ilmaan Faares:
Hezroonii fi Hamuul.
6Ilmaan Zaaraa:
Zimrii, Eetaan, Heemaan, Kalkoolii fi Daardaa. Isaan walumaa galatti dhiirota shan turan.
7Ilma Karmii:
Aakaar isa waan balleeffamuu qabu fudhachuudhaan Israaʼelitti rakkina fide.
8Ilma Eetaan:
Azaariyaa.
9Ilmaan Hezroon:
Yeramiʼeel, Raamii fi Keluubaa.

Raam ilma Hezroonii jalqabee

10Raam abbaa Abiinaadaab ture;
Amiinaadaab immoo abbaa Nahishoon hoogganaa saba Yihuudaa ture.
11Nahishoon abbaa Salmaan;
Salmaan immoo abbaa Boʼeez;
12Boʼeez abbaa Oobeedi;
Yoobeed immoo abbaa Isseey.

13Ilmaan Isseey:
Ilmi isaa hangafni Eliiyaab, lammaffaan Abiinaadaab,
sadaffaan Shimeʼaa,
14Afuraffaan Naatnaaʼel,
shanaffaan Raadaayi,
15jaʼaffaan Oozem,
torbaffaan Daawit.
16Obboleettonni isaanii immoo Zeruuyaa fi Abiigayiil turan.
Ilmaan Zeruuyaa sadan Abiishaayi, Yooʼaabii fi Asaaheel turan.
17Abiigayiil haadha Amaasaa kan abbaan isaa Yeteer nama gosa Ishmaaʼeel sanaa ti.

Kaaleb Ilma Hezroon

18Kaaleb ilmi Hezroon niitii isaa Azuubaa fi Yeriʼooti irraa ijoollee dhalche. Ilmaan Aazubaa kanneen turan:
Yeeser, Sobaabii fi Ardoon.
19Kaalebis Azuubaan duunaan Efraataa fuudhe. Isheenis Huurin isaaf deesse.
20Huuri abbaa Uuri; Uuri immoo abbaa Bezaliʼeel.

21Ergasii Hezroon yommuu umuriin isaa waggaa jaatama guutetti intala abbaa Giliʼaad intala Maakiir fuudhe; isheenis Seguubin isaaf deesse.
22Seguub immoo abbaa Yaaʼiir ture; innis biyya Giliʼaad keessaa magaalaawwan digdamii sadii qaba ture.
23Geshuurii fi Arraam, magaalaa Yaaʼiir akkasumas Qeenaatii fi gandoota naannoo ishee jiraniin walitti magaalaawwan jaatama irraa fudhatan.
Isaan kunneen hundi sanyii abbaa Giliʼaad sanyii Maakiir turan.
24Hezroon erga Kaaleb Efraataatti duʼee booddee, niitiin isaa Abiyaan Ashihuur abbaa Teqooʼaa deesseef.

Yerahimiʼeel Ilma Hezroon

25Ilmaan Yeramiʼeel ilma Hezroon hangafticha sanaa:
Raam ilma isaa hangafticha, Buunaah, Ooren, Oozemii fi Ahiiyaa.
26Yeramiʼeel niitii biraa kan Aaxaaraa jedhamtu qaba ture; isheenis haadha Oonaam turte.
27Ilmaan Raam ilma Yeramiʼeel hangafticha sanaa:
Maʼaaz, Yaamiinii fi Eeqeer.
28Ilmaan Oonaam:
Shamaayii fi Yaadaa.
Ilmaan Shamaayi:
Naadaabii fi Abiishur.
29Niitiin Abiishur Abiihaayil jedhamti; isheenis Ahibaanii fi Mooliid isaaf deesse.
30Ilmaan Naadaab:
Seleedii fi Afayiim. Seleed utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
31Ilma Afayiim:
Yisheʼii; Yisheʼiin abbaa Sheeshaan. Sheeshaan immoo abbaa Ahilayi.
32Ilmaan Yaadaa kan obboleessa Shamaayi:
Yeteerii fi Yoonaataan. Yeteer utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
33Ilmaan Yoonaataan:
Pheletii fi Zaazaa.
Isaan kunneen sanyiiwwan Yeramiʼeel turan.

34Sheeshaan intallan malee ilmaan hin qabu ture.
Innis tajaajilaa lammii Gibxi kan Yarihaa jedhamu tokko qaba ture.
35Sheeshaan tajaajilaa isaa Yarihaatti intala isaa ni heerumsiise; isheenis Ataayin deesseef.
36Ataayi abbaa Naataan;
Naataan immoo abbaa Zaabaadin;
37Zaabaad abbaa Eflaal;
Efelaal immoo abbaa Oobeedi;
38Oobeedi abbaa Yehuu;
Yehuun abbaa Azaariyaa;
39Azaariyaa abbaa Heleez;
Helees immoo abbaa Eleʼaasaa ti;
40Eleʼaasaan abbaa Sismaayi;
Sismaayi abbaa Shaluum;
41Shaluum abbaa Yeqameyaa ti;
Yeqameyaan immoo abbaa Eliishaamaa ti.

Gosoota Kaaleb

42Ilmaan Kaaleb obboleessa Yeramiʼeel:
Meeshaan ilmi isaa hangaftichi abbaa Ziif; Ziif abbaa Maareeshaa ti;
Maareeshaan immoo abbaa Kebroon.
43Ilmaan Kebroon:
Qooraahi, Tafuuʼaa, Reqemii fi Shemaa.
44Shemaan abbaa Raham;
Raham immoo abbaa Yorqeʼaam.
Reqem abbaa Shamaayi.
45Shamaayi abbaa Maaʼoon;
Maaʼoon immoo abbaa Beet Zuuri.
46Eefaan saajjatoon Kaaleb sun haadha
Haaraan, Moozaa fi Gaazeez.
Haaraan immoo abbaa Gaazer.
47Ilmaan Yaahidaay:
Reegeem, Yootaam, Geeshaan, Phelet, Eefaa fi Shaʼaaf.
48Maʼakaan saajjatoon Kaaleb sun haadha
Shebeerii fi Tirhaanaa ti.
49Isheen akkasumas Shaʼaaf abbaa Madmaanaa,
Shewwaa abbaa Makbeenaa fi abbaa Gibeʼaa deesse.
Kaaleb intala Aaksaa jedhamtu qaba ture.
50Isaan kunneen sanyiiwwan Kaaleb turan.

Ilmaan Huuri ilma Efraataa hangaftichaa:
Sobaal abbaa Kiriyaati Yeʼaariim,
51Salmaan abbaa Beetlihem, Haareef abbaa Beet Gaadeer.
52Sanyiiwwan Sobaal kan abbaa Kiriyaati Yeʼaariim:
Walakkaan Menuhootaa, Haarooʼee,
53akkasumas gosti Kiriyaati Yeʼaariim, Yitraawonni, Fuutonni, Shumaatonni, Mishiraawonni, Zoraatotaa fi Eshitaaʼoloonni gosoota isaan kanneen keessaa dhalatanii dha.
54Sanyiiwwan Salmaan:
Beetlihem, Netoofota, Atroot Beet Yooʼaab, walakkaa Maanaheetotaa, Zoraatota faʼi;
55balbala barreessitootaa kanneen Yaabeex keessa jiraatan: Tiraatota, Shimeʼaatotaa fi Sukaatota. Isaan kunneen Qeenota mana abbaa Rekaab Hamaati keessaa dhalatanii dha.
Copyright information for GazHAHl