1 Chronicles 24
Ramadamuu lubootaa
1Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman: Ilmaan Aroon Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar turan. 2Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan. 3Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade. 4Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet. 5Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan. 6Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse. 7Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif,lammaffaan Yedaaʼiyaaf,
8sadaffaan Haariimiif,
afuraffaan Seʼooriimiif,
9shanaffaan Malkiyaaf,
jaʼaffaan Miyaamiiniif,
10torbaffaan Haqoosiif,
saddeettaffaan Abiyaaf,
11saglaffaan Yeeshuuʼaaf,
kurnaffaan Shekaaniyaaf,
12kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif,
kudha lammaffaan Yaaqiimiif,
13kudha sadaffaan Huphaaf,
kudha afuraffaan Yeshebeʼaabiif,
14kudhan shanaffaan Bilgaaf,
kudha jaʼaffaan Imeeriif,
15kudha torbaffaan Heeziiriif,
kudha saddeettaffaan Haphizeeziif,
16kudha saglaffaan Phetaayaaf,
digdammaffaan Hisqiʼeeliif,
17digdamii tokkoffaan Yaakiiniif,
digdamii lammaffaan Gaamuuliif,
18digdamii sadaffaan Delaayaaf,
digdamii afuraffaan Maʼaaziyaaf baʼe.
19Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne.
Lewwota Hafan
20Ilmaan Lewwii warra hafan: Ilmaan Amraamii keessaa: Shuubaaʼeel;ilmaan Shuubaaʼeel keessaa: Yehideyaa.
21Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha.
22Yizihaarota keessaa: Sheloomiit;
ilmaan Sheloomiit keessaa immoo: Yahaati.
23Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
24Ilma Uziiʼeel: Miikaa.
Ilmaan Miikaa keessaa: Shaamiir.
25Obboleessa Miikaa: Yishiyaa;
Ilmaan Yishiyaa keessaa: Zakkaariyaas.
26Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii.
Ilma Yaʼaziyaa: Banoo.
27Ilmaan Meraarii:
Yaʼaziyaa irraa: Banoo, Shohaam, Zakuurii fi Ibrii.
28Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture.
29Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish.
30Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti.
Isaan kunneen akkuma mana abbootii isaaniitti ilmaan Lewwotaa ti. 31Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe.
Copyright information for
GazHAHl