1 Chronicles 3
Ilmaan Daawit
3:1‑4 kwf – 2Sm 3:2‑5
3:5‑8 kwf – 2Sm 5:14‑16; 1Sn 14:4‑7
1Isaan kunneen ilmaan Daawit Kebroonitti dhalchee dha: Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha;inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha;
2sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha;
afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;
3shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal;
jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha.
4Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawit Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha. Daawit Yerusaalemitti waggaa soddomii sadii mootii taʼee bulche; 5ijoolleen achitti isaaf dhalatanis kanneenii dha: Shimeʼaa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon. Ilmaan afran kunneen Batisheebaa intala Amiiʼeel irraa dhalatan.
6Akkasumas ilmaan biraa qaba ture; isaanis: Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi, 7Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa, 8Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi; isaanis walumatti ilmaan sagal turan.
9Ilmaan saajjatoowwan isaa irraa dhalataniin alatti isaan kunneen ilmaan Daawit turan. Taamaar immoo obboleettii isaanii turte.
Mootota Yihuudaa
10Ilmi Solomoon Rehooboʼaam;ilmi Rehooboʼaam Abiyaa dha;
ilmi Abiyaa Aasaa dha;
ilmi Aasaa Yehooshaafaax;
11ilmi Yehooshaafaax Yehooraam;
ilmi Yooraam Ahaaziyaa;
ilmi Ahaaziyaa Yooʼaash;
12ilmi Yooʼaash Amasiyaa;
ilmi Amasiyaa Azaariyaa;
ilmi Azaariyaa Yootaam;
13ilmi Yootaam Aahaaz;
ilmi Aahaaz Hisqiyaas;
ilmi Hisqiyaas Minaasee dha;
14ilmi Minaasee Aamoon;
ilmi isaa immoo Yosiyaas.
15Ilmaan Yosiyaas:
Inni hangafni Yoohaanaan,
lammaffaan Yehooyaaqiim,
sadaffaan Zedeqiyaa,
afuraffaan immoo Shaluum.
16Ilmaan Yehooyaaqiim:
Ilma isaa Yehooyaakiinii fi
ilma isaa Zedeqiyaa.
Hidda Dhaloota Moototaa Kan Boojuu booddee ture
17Ilmaan Yehooyaakiin isa boojiʼame sanaa:Ilma isaa Sheʼaltiiʼeel, 18Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaaxaar, Yeqameyaa, Hooshaamaa fi Nedaabiyaa.
19Ilmaan Phedaayaa:
Zarubaabelii fi Shimeʼii.
Ilmaan Zarubaabel:
Meshulaamii fi Hanaaniyaa. Obboleettiin isaanii immoo Sheloomiit jedhamti. 20Akkasumas ijoollee gara biraa shanitu ture; isaanis: Hashubaa, Oohel, Berekiyaa, Hasadiyaa fi Yooshab-Heseed.
21Ilmaan Hanaaniyaa:
Phelaatiyaa fi Yeshaayaa; akkasumas ilmaan Refaayaa, ilmaan Arnaan, ilmaan Obaadiyaatii fi ilmaan Shekaaniyaa.
22Ilmaan Shekaaniyaa:
Shemaaʼiyaa fi ilmaan isaa: Haxuush, Yigiʼaal, Baariiyaah, Naʼaariyaa fi Shaafaax; isaan walumatti jaʼa turan.
23Ilmaan Naʼaariyaa:
Eliiyooʼeenayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan walumatti sadii turan.
24Ilmaan Eliiyooʼeenayi:
Hoodayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yoohaanaan, Delaayaa fi Anaanii; isaan walumatti torba turan.
Copyright information for
GazHAHl