1 Chronicles 7
Yisaakor
1Ilmaan Yisaakor:Toolaa, Phuwaa, Yaashuubii fi Shimroon; walumatti nama afur turan.
2Ilmaan Toolaa:
Uzii, Refaayaa, Yiriiʼeel, Yaahimaayi, Yibsaamii fi Shemuuʼeel; isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti. Bara mootummaa Daawit keessa ilmaan Toolaa warri hidda dhaloota isaaniitiin akka loltoota jajjabootti galmeeffaman nama 22,600 turan.
3Ilma Uzii:
Yizrahiyaa.
Ilmaan Yizrahiyaa:
Miikaaʼel, Obaadiyaa, Yooʼeelii fi Yishiyaa. Shanan isaanii iyyuu hangafoota turan. 4Isaanis waan niitotaa fi ijoollee hedduu qabaataniif akka hidda dhaloota maatii isaaniitti namoota lolaaf qophaaʼan 36,000 qabu ture.
5Firoonni loltoota jajjaboo turan kanneen balbalawwan Yisaakorii keessaa dhalatan warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffaman walumatti nama 87,000:
Beniyaam
6Ilmaan Beniyaam sadan:Belaa, Bekerii fi Yediiʼeel.
7Ilmaan Belaa:
Esboon, Uzii, Uziiʼeel, Yeriimootii fi Iirii walumatti shan turan; hangafoonni mana abbootii isaaniis gootota jajjaboo turan; galmeen hidda dhaloota isaanii namoota 22,034 argisiisa.
8Ilmaan Beker:
Zemiiraa, Yooʼaash, Eliiʼezer, Eliiyooʼeenayi, Omrii, Yereemooti, Abiyaa, Anaatootii fi Alaameti. Isaan kunneen hundi ilmaan Beker turan. 9Hangafoota mana abbootii isaanii kanneen akka dhaloota isaaniitti hidda dhaloota isaaniitiin lakkaaʼaman gootota jajjaboo 20,200 turan.
10Ilmi Yediiʼeel:
Bilihaan.
Ilmaan Bilhaanii:
Yeʼuushi, Beniyaam, Eehuud, Keniʼaanaa, Zeetaan, Tarshiishii fi Ahiishahar. 11Ilmaan Yediiʼeel kunneen hundi hangafoota maatiiwwanii turan. Isaanis namoota waraana dhaquuf qophaaʼan 17,200 qaban ture.
12Gosti Shufiimiitii fi Hufiim ilmaan Iiri turan; Hushiim immoo ilma Aheerii ti.
Niftaalem
13Ilmaan Niftaalemii:Yahiziiʼeel, Guunii, Yeexerii fi Shaluum; isaan kunneen sanyii Bilihaa ti.
Minaasee
14Ilmaan Minaasee:Asriiʼeel kan saajjatoon isaa isheen Arraamii dhufte sun deesseef. Isheenis Maakiir abbaa Giliʼaad deesse. 15Maakiir immoo gosoota Hufiimiitii fi Shufiim keessaa niitii fuudhe. Maqaan obboleettii isaas Maʼakaa ture. Sanyiin isaa kan biraa immoo Salphaʼaad jedhama; Zelofehaad intallan qofa qaba ture. 16Maʼakaan niitiin Maakiirii ilma deessee maqaa isaa Phereesh jettee moggaafte. Obboleessi isaa Sheresh jedhama; ilmaan isaa immoo Uulaamii fi Reqem jedhaman.
17Ilmi Uulaam:
Bedaan.
Isaan kunneen ilmaan Giliʼaadii ilma Maakiirii, ilma Minaasee sanaa ti.
18Hamolekeeti obboleettiin isaa Iisihood, Abiiʼezerii fi Mahilaa deesse.
19Ilmaan Shemiidaa immoo:
Ahiiyaan, Sheekem, Likihii fi Aniyaam turan.
Efreem
20Ilmaan Efreem:Shuutelaa, ilma isaa Bereed,
ilma isaa Tahaat,
ilma isaa Eleʼaadaa, ilma isaa Tahaat, 21ilma isaa Zaabaadii,
ilma isaa Shuutelaa.
Eezerii fi Eliʼaad yeroo loon warra Gaati kanneen achi jiraatan sanaa boojiʼuuf gad buʼanitti harka jaraatiin ni ajjeefaman. 22Efreem abbaan isaanii guyyaa hedduu booʼeef; firoonni isaas isa jajjabeessuu dhufan. 23Sana booddees dhaqee niitii isaa wajjin ciise; isheenis ulfooftee ilma deesse. Innis sababii maatii isaa keessa rakkinni tureef Beriiyaa jedhee maqaa baaseef. 24Intalli isaa immoo Sheeraa jedhamti; namni magaalaawwan Beet Horoonii kan gad aanuu fi kan ol aanu, akkasumas magaalaa Uzeen Sheeraa hundeesse ishee dha.
25Refaa ilma isaa, Resheef ilma isaa,
Teelaa ilma isaa, Taahan ilma isaa,
26Laʼadaan ilma isaa, Amiihuud ilma isaa,
Eliishaamaa ilma isaa, 27Nuuni ilma isaatii fi
Iyyaasuu ilma isaa.
28Biyyoonnii fi ardaan qubata isaaniis Beetʼeelii fi gandoota naannoo ishee, karaa baʼa biiftuutiin Naʼaraan, karaa lixa biiftuutiin immoo Geezirii fi gandoota ishee akkasumas Sheekemii fi gandoota ishee kanneen hamma Ayyaa fi gandoota isheetti jiran qabata ture. 29Daariiwwan Minaasee irra Beet Sheʼaan, Taʼanaak, Megidoo fi Dooritu gandoota isaanii wajjin ture. Sanyiiwwan Yoosef ilma Israaʼel sanaas magaalaawwan kanneen keessa jiraatan.
Aseer
30Ilmaan Aasheer:Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaanii immoo Seraa jedhamti.
31Ilmaan Beriiyaa:
Hebeerii fi Malkiiʼeel abbaa Birzaawitii.
32Hebeer immoo abbaa Yaafleexii, Shomeerii, Hootaamiitii fi obboleettii isaanii Shuuʼaa ti.
33Ilmaan Yaafleex:
Phaasaak, Biimihaalii fi Ashwaati.
Isaan kunneen ilmaan Yaafleexii ti. 34Ilmaan Shemeer:
Ahii, Rohigaa, Yehubaa fi Arraam.
35Ilmaan obboleessa isaa Heelem:
Zoofaa, Yimnaa, Sheleeshii fi Aamaal.
36Ilmaan Zoofaa:
Suuwaa, Harnefer, Shuuʼaali, Beerii, Yimraa, 37Bezer, Hoodi, Shamaa, Shilshaa, Yitraanii fi Biʼeeraa.
38Ilmaan Yeteer:
Yefunee, Fiisiphaa fi Eraa.
39Ilmaan Ulaa:
Aaraa, Haniiʼeelii fi Riiziyaa.
40Isaan kunneen hundi gosoota Aasheerii turan; isaanis hangafoota maatiiwwanii, namoota filatamoo, loltoota jajjaboo fi bulchitoota bebbeekamoo turan. Akka galmee hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti namoonni isaanii kanneen dandeettii waraanaa qaban 26,000 turan.
Copyright information for
GazHAHl