‏ 1 Chronicles 16

1Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan. 2Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyootiin namoota ni eebbise. 3Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.

4Innis akka isaan fuula taabota Waaqayyoo duratti tajaajilaniif, akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate; 5isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture; 6Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan.

Faarfannaa Daawit Kan Galataa

16:8‑22 kwf – Far 105:1‑15

16:23‑33 kwf – Far 96:1‑13

16:34‑36 kwf – Far 106:1,47‑48

7Daawitis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa faarfannaa galataa kana Waaqayyoof faarfataniif jalqabatti ajaja kenne: 8 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;
waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
9Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;
waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
10Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;
garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
11 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
12Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi
murtii inni labse yaadadhaa;
13isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan,
isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.

14Inni Waaqayyo Waaqa keenya;
murtiin isaas lafa hunda irra jira.
15Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas
dhaloota kumaaf ni yaadata;
16inni kakuu Abrahaam wajjin gale,
kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
17Kanas Yaaqoobiif seera,
Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee

akkana jedhee mirkaneesseera; innis:
18“Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee,
siif nan kenna” jedhe.

19Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,
dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
20sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo
gara mootummaa biraatti jooran.
21Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;
sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
22“Dibamtoota koo hin tuqinaa;
raajota koos hin miidhinaa.”

23Lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa;
fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
24Ulfina isaa saboota gidduutti,
hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
25 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;
inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
26Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;
Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
27Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;
jabinnii fi gammachuunis iddoo jireenya isaa jiru.
28Yaa maatiiwwan sabootaa, Waaqayyoof kennaa;
ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
29Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa.
Aarsaa fidaatii fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa.
30Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa!
Addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.

31Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;
isaan saboota gidduutti, “Waaqayyo moʼeera!” haa jedhan.
32Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu;
dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadani!
33Mukkeen bosonaa haa faarfatan;
isaan gammachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan;
inni lafatti muruudhaaf ni dhufaatii.

34 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
35Akkana jedhaatii iyyaa; “Yaa Waaqayyo,
Fayyisaa keenya, ati nu baasi;
akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf,
akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi.”
36 Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiif
bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu.

Kana irratti namni hundinuu, “Ameen; Waaqayyo haa galatoomu” jedhe.

37Daawitis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti isaan dhiise. 38Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan.

39Daawit Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana Waaqayyoo qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise; 40kunis isaan akkuma waan Seera Waaqayyoo kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof akka dhiʼeessaniif. 41Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” jedhanii Waaqayyoof galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture. 42Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Waaqaa irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan.

43Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawit immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe.
Copyright information for GazHAHl