‏ 1 Chronicles 21

Daawit Loltoota Isaa Lakkaaʼe

21:1‑26 kwf – 2Sm 24:1‑25

1Seexanni Israaʼelitti kaʼee akka Daawit saba Israaʼel lakkaaʼuuf isa kakaase. 2Kanaafuu Daawit Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaatiin, “Dhaqaatii Bersheebaadhaa hamma Daaniitti Israaʼeloota lakkaaʼaa. Ergasii immoo akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf deebiʼaatii natti himaa” jedhe.

3Yooʼaab garuu deebisee, “Waaqayyo loltoota isaa dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu. Yaa gooftaa koo mooticha, isaan hundi garboota gooftaa kootiif bulan mitii? Gooftaan koo maaliif waan kana gochuu barbaade? Inni maaliif Israaʼelitti yakka fida?” jedhe.

4Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabin yaada geeddarachiise; kanaafuu Yooʼaab achii baʼee guutummaa Israaʼel keessa naannaʼee Yerusaalemitti deebiʼe. 5Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii Daawititti hime; namoota Yihuudaa keessa jiraatan kuma dhibba afurii fi torbaatama dabalatee namoota goraadee qabachuu dandaʼan miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkootu guutummaa Israaʼel keessa ture.

6Sababii ajajni mootichaa Yooʼaabin jibbisiiseef inni gosoota Lewwiitii fi Beniyaam itti dabalee hin lakkoofne. 7Ajajni kun fuula Waaqaa durattis waan hamaa ture; kanaafuu inni Israaʼelin rukute.

8Kana irratti Daawit Waaqaan, “Ani waan kana gochuudhaan akka malee cubbuu hojjedheera. Amma garuu akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.

9 Waaqayyos Gaad raajii Daawit sanaan akkana jedhe; 10“Dhaqiitii Daawitiin, ‘Waaqayyo akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna. Akka ani isa sitti fiduuf, isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi.”

11Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Filannoo kee addaan baafadhu: 12Beela waggaa sadii yookaan jiʼa sadii fuula diinota keetii dura ariʼamuu fi goraadee isaaniitiin balleeffamuu yookaan guyyaa goraadee Waaqayyoo sadii jechuunis guyyoota dhaʼichi biyyattiitti buʼee ergamaan Waaqayyoo kutaa Israaʼel hunda balleessu.’ Egaa amma waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteeffadhu.”

13Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa akka malee guddaa taʼeef ani harka Waaqayyoo seenuu naaf wayya; garuu akka ani harka namaa seenu na hin godhin” jedhe.

14Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti dhaʼicha ergee namoonni Israaʼel kuma torbaatama ni dhuman. 15Waaqni akka inni Yerusaalem balleessuuf ergamaa isaa tokko erge. Garuu utuma ergamaan Waaqayyoo sun Yerusaalemin balleessuuf qophaaʼaa jiruu Waaqayyo balaa sana argee gaabbee ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo sun oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa bira dhaabachaa ture.

16Daawitis ol ilaalee ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifamee Yerusaalemitti diriirfame harka isaatti qabatee samii fi lafa gidduu dhaabachaa jiru tokko ni arge. Daawitii fi maanguddoonni wayyaa gaddaa uffatanii fuula isaa duratti addaan lafatti ni gombifaman.

17Daawit immoo Waaqaan, “Namni akka loltoonni lakkaaʼaman godhe ana mitii? Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Yaa Waaqayyo Waaqa koo harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu; garuu akka dhaʼichi kun saba kee irra turu hin godhin” jedhe.

18Ergasii ergamaan Waaqayyoo akka Daawit ol baʼee oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaaru akka inni Daawititti himu Gaadin ajaje. 19Kanaafuu Daawit dubbii Gaad maqaa Waaqayyootiin isatti hime sanaaf ajajamee ol baʼe.

20Ornaan utuu qamadii dhaʼuutti jiruu ol jedhee ergamaa Waaqayyoo sana arge; ilmaan isaa warri isa wajjin turan afranis ni dhokatan. 21Ergasii Daawit achi gaʼe; Ornaanis yommuu milʼatee isa argetti oobdii sana keessaa baʼee fuula Daawit duratti addaan lafatti gombifamee sagade.

22Daawitis, “Ani akka isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee akkasiin dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf oobdii kee naaf kenni. Gatii isaa guutuutti natti gurguri” jedheen.

23Ornaanis Daawitiin, “Fudhadhu! Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu haa godhu. Kunoo ani aarsaa gubamuuf sangoota, qoraaniif ulee ittiin midhaan dhaʼan, kennaa midhaan dhiʼeeffamuufis qamadii nan kenna; ani waan kana hunda nan kenna” jedhe.

24Daawit Mootichi garuu Ornaadhaan, “Kun hin taʼu; ani gatii isaa guutuu siifin kenna. Ani waan kan kee taʼe Waaqayyoof hin fudhadhu yookaan waan gatii na hin baasisin aarsaa gubamuuf hin dhiʼeessu” jedhe.

25Kanaafuu Daawit gatii lafa sanaa Ornaadhaaf warqee saqilii dhibbaa jaʼa kafale. 26Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Innis Waaqayyoon ni waammate; Waaqayyos samiidhaa ibiddaan iddoo aarsaa gubamuu irratti isaaf deebii kenne.

27Sana booddee Waaqayyo ergamaa isaa sanatti dubbate; innis goraadee isaa manʼee isaatti ni deebise. 28Daawit yeroo sanatti akka Waaqayyo oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti deebii isaa kenne ni hubate; achittis aarsaa ni dhiʼeesse. 29Dunkaanni Waaqayyoo kan Museen gammoojjiitti hojjetee fi iddoon aarsaa gubamuu Gibeʼoon keessa gaara sagadaa irra ture. 30Daawit garuu sababii goraadee ergamaa Waaqayyoo sodaateef achi dhaqee fuula iddoo aarsaa sanaa duratti Waaqa kadhachuu hin dandeenye.
Copyright information for GazHAHl