‏ 1 Chronicles 23

Lewwota

1Daawit erga waggaa hedduu jiraatee dulloomee booddee ilma isaa Solomoonin Israaʼel irratti mootii godhe.

2Akkasumas Daawit dura buutota Israaʼel hunda, lubootaa fi Lewwota illee walitti qabe. 3Lewwonni umuriin isaanii waggaa soddomaa fi hammasii olii ni lakkaaʼaman; baayʼinni dhiirotaa kuma soddomii saddeet taʼe. 4Daawitis akkana jedhe; “Isaan kanneen keessaa kuma digdamii afur hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo haa toʼatan; namoonni kuma jaʼa qondaaltotaa fi abbootii murtii haa taʼan. 5Kumni afur eegdota balbalaa haa taʼan; kumni afur immoo miʼoota faarfannaa kanneen ani kaayyoo kanaaf kenneen Waaqayyoon haa galateeffatan.”

6Daawitis Lewwota akkuma gosoota Lewwiitti garee gareen gargar ni qoode; isaanis: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.

Geershoonota

7Gosa Geershoon keessaa:
Laʼadaanii fi Shimeʼii.
8Ilmaan Laʼadaanii:
Yehiiʼeel hangafticha, Zeetaamii fi Yooʼeel; walumatti nama sadii turan.
9Ilmaan Shimeʼii:
Sheloomot, Haziiʼeelii fi Haaraan; walumatti nama sadii turan.
Isaan kunneen hangafoota Maatii Laʼadaan turan.
10Ilmaan Shimeʼii:
Yahaati, Ziinaa, Yeʼuushii fi Beriiyaa. Isaan kunneen ilmaan Shimeʼii ti;
walumatti nama afur turan.
11Yahaati hangafa; Ziinaan lammaffaa; Yeʼuushii fi Beriiyaan garuu ilmaan baayʼee hin qaban; kanaafuu isaan akkuma maatii tokkootti lakkaaʼaman.

Qohaatota

12Ilmaan Qohaatii:
Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel; walumatti nama afur turan.
13Ilmaan Amraam:
Aroonii fi Musee.
Aroon akka innii fi sanyiin isaa wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼan Waaqaaf qulqulleessaniif, akka fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessaniif, akka fuula isaa dura tajaajilanii fi akka maqaa isaatiin eebba labsaniif bara baraan addaan baafaman.
14Ilmaan Musee nama Waaqaa immoo gosa Lewwiitti dabalamanii lakkaaʼaman.
15Ilmaan Musee:
Geershoomii fi Eliiʼezer.
16Ilmaan Geershoomii:
Shebuuʼeel hangafa.
17Ilmaan Eliiʼezerii keessaa:
Rehaabiyaa hangafa.
Eleʼaazaar ilmaan biraa hin qabu ture; ilmaan Rehaabiyaa garuu akka malee hedduu turan.
18Ilmaan Yizihaar keessaa:
Sheloomiit hangafta.
19Ilmaan Kebroon;
hangaftichi Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
20Ilmaan Uziiʼeel:
hangaftichi Miikaa, lammaffaan Yishiyaa.

Meraarota

21Ilmaan Meraarii:
Mahilii fi Muusii.
Ilmaan Mahilii:
Eleʼaazaarii fi Qiish.
22Eleʼaazaar utuu ilmaan hin dhalchin duʼe; inni intallan qofa qaba ture. Durbiiwwan isaanii ilmaan Qiishitu isaan fuudhe.
23Ilmaan Muusii:
Mahelii, Eederii fi Yereemooti; walumatti nama sadii turan.

24Isaan kunneen ilmaan Lewwii kanneen akkuma mana abbootii isaaniitti hangafoonni abbootii warri maqaa maqaadhaan galmeeffamanii tokko tokkoon lakkaaʼaman, hojjettoota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe warra mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilanii dha. 25Daawit akkana jedhee tureetii; “Waaqayyoo Waaqni Israaʼel saba isaatiif boqonnaa kenneera; bara baraanis Yerusaalem keessa ni jiraata; 26siʼachi Lewwonni dunkaana yookaan miʼoota achi keessatti itti fayyadaman hin baatan.” 27Akkuma qajeelcha Daawit dhuma irratti kenneetti, Lewwonni waggaa digdamaa fi sanaa olii hedamaniiruutii.

28Hojiin Lewwotaas tajaajila mana qulqullummaa Waaqaa keessatti sanyiiwwan Aroonii gargaaruu dha; kunis oobdiiwwanii fi kutaawwan mana qulqullummaa eeguu, miʼoota qulqulluu qulqulleessuu fi hojiiwwan biraas mana Waaqayyoo keessatti hojjechuu dha. 29Akkasumas buddeena minjaala irra kaaʼuu, daakuu kennaa midhaanii, buddeena utuu hin bukaaʼin tolfame, tolchuu fi waliin makuu, safartuu fi madaalii hunda irratti itti gaafatamtoota turan. 30Isaan guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganama fuula isaa dura ni dhaabatu; galgala galgalas akkasuma ni godhu; 31yeroo aarsaan gubamu guyyaa Sanbataa Waaqayyoof dhiʼeeffamutti yeroo Ayyaana Baatii Haaraa fi gaafa ayyaana yeroon isaa murtaaʼe kamii iyyuu akkanuma ni godhu. Isaan yeroo hunda akkuma lakkoobsaa fi qajeelfama isaanii kennameetti fuula Waaqayyoo dura tajaajilu ture.

32Lewwonni akkasiin itti gaafatama dunkaana wal gaʼii fi Iddoo Qulqulluu eeguuf qaban raawwatan; akkasumas ajaja obboloota isaanii sanyiiwwan Aroon jalatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti qaban raawwachaa turan.
Copyright information for GazHAHl