‏ 1 Chronicles 3:1-4

3:1‑4 kwf – 2Sm 3:2‑5

3:5‑8 kwf – 2Sm 5:14‑16; 1Sn 14:4‑7

1Isaan kunneen ilmaan Daawit Kebroonitti dhalchee dha:

Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha;
inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha;
2sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha;
afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;
3shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal;
jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha.

4Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawit Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha.

Daawit Yerusaalemitti waggaa soddomii sadii mootii taʼee bulche;
Copyright information for GazHAHl