‏ 1 Chronicles 4

Balbalawwan Yihuudaa Kanneen Biraa

1Ilmaan Yihuudaa:
Faares, Hezroon, Karmii, Huurii fi Sobaal.
2Reʼaayaan ilmi Sobaal abbaa Yahaatiiti; Yahaati immoo abbaa Ahuumaayii fi Laahadii ti. Isaan kunneen balbalawwan Zoraatotaa ti.
3Ilmaan Eexaam kanneenii dha:
Yizriʼeel, Yishmaa fi Yidbaashi. Obboleettiin isaanii immoo Hazelelphoonii jedhamti.
4Phenuuʼeel abbaa Gedoor; Eezer immoo abbaa Huushaam.
Isaan kunneen sanyii Huuri ilma Efraataa hangaftichaatii fi abbaa Beetlihem sanaa ti.
5Ashihuur abbaan Teqooʼaa niitota lama kanneen Heelaa fi Naʼaraa jedhaman qaba ture.
6Naʼaraan ilmaan Ahuzaam, Heefer, Teemenii fi Haaʼahashitaar jedhaman deesseef. Ilmaan Naʼaraa isaan kanneen turan.
7Ilmaan Heelaa:
Zeret, Zooharii fi Etnaan;
8Qoosi abbaa Anuub, abbaa Hazobeebaa fi abbaa balbalawwan Ahariheel ilma Haaruumiti.

9Yaabeex nama obboloota isaa caalaa ulfina qabu ture; haatii isaa, “Ani dhiphinaanan isa daʼe” jettee Yaabeex jettee isa moggaafte. 10Yaabeex immoo akkana jedhee Waaqa Israaʼelitti iyyate; “Ati na eebbisi; biyya koos naaf balʼisi! Akka ani hin miidhamnee fi akka ani dhiphina jalaa baʼuuf harki kee na wajjin haa jiraatu.” Waaqnis waan inni kadhate sana ni kenneef.

11Kiluub obboleessi Shuhaa abbaa Mihiirii ti; Mehiir immoo abbaa Eshitooniti. 12Eshitoonis abbaa Beet Raafaan, abbaa Faasehaa fi Tehiinaa ti; Tahiinaan immoo abbaa Iir Naahaashii ti. Isaan kunneen namoota Reekaa ti.

13Ilmaan Qenaz:
Otniiʼeelii fi Seraayaa.
Ilmaan Otniiʼeel:
Hataatii fi Maʼoonotaayi.
14Meʼoonotaayi abbaa Ofraa ti.
Seraayaan abbaa Yooʼaabii ti; Yooʼaab immoo abbaa Gee Haraashiimii ti.
Maqaan kun sababii isaan ogummaa hojii harkaa qabaniif kennameef.
15Ilmaan Kaaleb ilma Yefunee:
Iiruu, Eelaa fi Naʼaam.
Ilmi Eelaa:
Qenaz.
16Ilmaan Yehaleliʼeel:
Ziifii, Ziifaa, Tiiriyaa fi Asareel.
17Ilmaan Izraa:
Yeteer, Mered, Eeferii fi Yaaloon.
Niitota Mered keessaa isheen tokko Miiriyaam, Shamaayii fi Yishibaa abbaa Eshtimoʼaa sana deesse.
18Niitiin isaa dubartiin Yihuudaa sunis Yaared abbaa Gedoor, Hebeer abbaa Sookooniitii fi Yequutiiʼeel abbaa Zaanoʼaa deesse.
Isaan kunneen ijoollee Bitiyaa intala Faraʼoon kan Mered fuudhe sanaa ti.
19Ilmaan niitiin Hoodiyaa obboleettiin Naham sun deesse:
Abbaa Qeyiilaa namicha Garmii sanaatii fi Eshtimoʼaa namicha Maʼakaa ti.
20Ilmaan Simiʼoon:
Amnoon, Riinaa, Ben-Haanaanii fi Tiiloon.
Ilmaan Yishiʼii:
Zoheetii fi Ben-Zoheetii ti.
21Ilmaan Sheelaa ilma Yihuudaa:
Eer abbaa Leekaa, Laʼadaa abbaa Maareeshaatii fi balbalawwan Beet Ashibeeʼaatti warra wayyaa quncee talbaa haphii hojjetanii.
22Yooqiim, namoota Koozeebaa, Yooʼaashii fi Saaraaf isa Moʼaabii fi Yaashubiileheem bulchu. Barreeffamni kunneenis kan bara durii ti. 23Isaanis suphee dhooftuu Nexaayiimii fi Gedeeraa keessa jiraatan turan; jarri kun mootichaaf hojjechaa achi jiraatu ture.

Simiʼoon

4:28‑33 kwf – Iya 19:2‑10

24Ilmaan Simiʼoon:
Nemuuʼeel, Yaamiin, Yaariib, Zeraa fi Shaawul;
25Shaluum ilma Saaʼuul ture; Mibsaam ilma Shaluumiti; Mishmaa immoo ilma Mabsaamiti.
26Ilmaan Mishmaa:
Ilma isaa Hamuuʼeel, ilma isaa Zakuurii fi ilma isaa Shimeʼii.

27Shimeʼiin ilmaan kudha jaʼaa fi intallan jaʼa qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee hedduu hin qaban ture; sababii kanaaf balbalawwan isaanii hundinuu akka gosa Yihuudaa baayʼee hin turre. 28Isaanis Bersheebaa, Molaadaa, Hazar Shuuʼaal, 29Bilihaa, Ezem, Toolaad, 30Betuuʼeel, Hormaa, Siiqlaag, 31Beet Markaabot, Hazar Susiim, Beet Biirii fi Shaʼarayiim keessa jiraatan. Magaalaawwan kunneen hamma bara mootummaa Daawitiitti magaalaawwan isaanii turan. 32Akkasumas gandoota Eexaam, Ayin, Reemoon, Tookkenii fi Ashaan jechuunis magaalaa shananii fi 33gandoota naannoo isaaniitti argaman hunda keessa hamma Baʼaaliitti jiraatu ture.

Kunneen iddoo isaan jiraatanii dha. Isaanis galmee hidda dhaloota isaanii kaawwatanii jiran.

34Meshoobaab, Yamleek,
Yooshaa ilma Amasiyaa,
35Yooʼeel,
Yehuu ilma Yooshibiyaa, ilma Seraayaa, ilma Asiiʼeel,
36akkasumas Eliiyooʼeenayi, Yaaʼiqoobaa, Yashoohayaa,
Asaayaa, Aadiiʼeel, Yesiimiʼeel, Benaayaa,
37Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aloon, ilma Yedaayaa, ilma Shimrii, ilma Shemaaʼiyaa.

38Namoonni maqaan isaanii kanaa olitti himame kunneen hooggantoota balbala isaanii turan.

Baayʼinni maatii isaaniis akka malee dabalaa dhufe;
39isaanis bushaayee isaaniitiif lafa dheedaa barbaacha hamma moggaa Gedoor kan gama baʼa sululaa jiru sanaatti deeman. 40Isaanis naannoo sanatti lafa dheedaa gabbataa fi gaarii argatan; lafni sunis balʼaa, kan nagaa fi tasgabbii qabu ture. Bara durii gosoonni Haamii naannoo sana jiraachaa turan.

41Namoonni maqaan isaanii dhaʼame kunneen bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa dhufan. Isaan akkuma hamma harʼaatti illee mulʼatu qubata Kaamotaatii fi Meʼuunoota achi jiraachaa turanii dhaʼanii guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Ergasiis sababii lafa dheedaa balʼaa bushaayee isaaniitiif argataniif lafa jaraa irra ni qubatan. 42Simiʼoonota kanneen keessaa namoonni dhibba shan ilmaan Yishiʼii Phelaatiyaa, Naʼaariyaa, Refaayaa fi Uziiʼeel hoogganamanii biyya gaaraa Seeʼiir weeraran. 43Isaanis Amaaleqoota miliqanii hafan balleessanii hamma harʼaatti achuma jiraatan.
Copyright information for GazHAHl