1 Chronicles 6
Lewwii
1Ilmaan Lewwii:Geershoon, Qohaatii fi Meraar.
2Ilmaan Qohaati:
Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
3Ijoolleen Amraam:
Aroon, Musee fi Miiriyaam.
Ilmaan Aroon:
Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
4Eleʼaazaar abbaa Fiinehaas;
Fiinehaas immoo abbaa Abiishuuwaa ti;
5Abiishuuwaan abbaa Buukii ti;
Bukiin immoo abbaa Uzii ti;
6Uzii abbaa Zeraayaa ti;
Zaraaʼiyaan abbaa Meraayootii ti;
7Meraayoot abbaa Amariyaa ti;
Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti;
8Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti;
Zaadoq abbaa Ahiimaʼazii ti;
9Ahiimaʼaz abbaa Azaariyaa ti;
Azaariyaa abbaa Yoohaanaanii ti;
10Yoohaanaan abbaa Azaariyaa ti;
inni luba taʼee mana qulqullummaa kan Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajilaa ture.
11Azaariyaa abbaa Amariyaa ti;
Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti;
12Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti;
Zaadoq abbaa Shaluumii ti;
13Shaluum abbaa Hilqiyaa ti;
Hilqiyaa abbaa Azaariyaa ti;
14Azaariyaa abbaa Seraayaa ti;
Seraayaan abbaa Yehoozaadaaqii ti.
15Yeroo Waaqayyo akka sabni Yihuudaatii fi Yerusaalem Nebukadnezariin boojiʼamu godhetti Yehoozaadaaqis boojiʼamee fudhatame.
16Ilmaan Lewwii:
Geershoom, Qohaatii fi Meraarii.
17Maqaan Ilmaan Geershoom kanaa dha:
Loobeenii fi Shimeʼii.
18Ilmaan Qohaati:
Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
19Ilmaan Meraarii:
Mahilii fi Muusii.
Isaan kunneen Lewwota balbala balbala abbootii isaaniitiin lakkaaʼamanii dha: 20Balbala Geershoom keessaa:
Ilma isaa Loobeen, ilma isaa Yahaati,
ilma isaa Zimaati, 21ilma isaa Yooʼaa,
ilma isaa Iddoo, ilma isaa Zeraa fi
ilma isaa Yeʼaateraayi.
22Ilmaan Qohaati:
Ilma isaa Amiinaadaab, ilma isaa Qooraahi,
ilma isaa Asiir, 23ilma isaa Elqaanaa,
ilma isaa Ebiyaasaaf, ilma isaa Asiir,
24ilma isaa Tahaat, ilma isaa Uuriiʼeel,
ilma isaa Uziyaa fi ilma isaa Shaawul.
25Ilmaan Elqaanaa:
Amaasaayi, Ahiimooti,
26ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Zoofayi,
ilma isaa Naahat, 27ilma isaa Eliiyaab,
ilma isaa Yeroohaam, ilma isaa Elqaanaa fi
ilma isaa Saamuʼeel.
28Ilmaan Saamuʼeel:
Ilma isaa Yooʼeel hangaftichaa fi
ilma isaa lammaffaa Abiyaa.
29Ilmaan Meraarii:
Mahilii, ilma isaa Loobeen,
ilma isaa Shimeʼii, ilma isaa Uzaa,
30ilma isaa Shimeʼaa, ilma isaa Hagiyaa fi
ilma isaa Asaayaa.
Faarfattoota Mana Qulqullummaa
6:54‑80 kwf – Iya 21:4‑39
31Namoonni erga taabonni dhufee achi boqotee booddee Daawit akka isaan faarfannaadhaan mana Waaqayyoo keessa tajaajilaniif muude kanneenii dha. 32Isaanis hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaretti dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii duratti faarfannaadhaan tajaajilaa turan. Isaanis akkuma seera isaaniif kenname sanaatti hojii isaanii hojjechaa turan. 33Maqaan namoota ilmaan isaanii wajjin tajaajilanii kanneenii dha: Ilmaan Qohaatotaa keessaa:Heemaan Faarfataa,
ilma Yooʼeel, ilma Saamuʼeel,
34ilma Elqaanaa, ilma Yeroohaam,
ilma Eliiʼeel, ilma Tooʼaa,
35ilma Zuufi, ilma Elqaanaa,
ilma Mahat, ilma Amaasaayi,
36ilma Elqaanaa, ilma Yooʼeel,
ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa,
37ilma Tahaat, ilma Asiir,
ilma Ebiyaasaaf, ilma Qooraahi,
38ilma Yizihaar, ilma Qohaati,
ilma Lewwii, ilma Israaʼel;
39akkasumas Asaaf obboleessi Heemaan karaa mirgaatiin dhaabata ture:
Asaaf ilma Berekiyaa, ilma Shimeʼaa,
40ilma Miikaaʼel, ilma Baʼaseeyaa,
ilma Malkiyaa, 41ilma Etnii,
ilma Zeraa, ilma Adaayaa,
42ilma Eetaan, ilma Zimaa,
ilma Shimeʼii, 43ilma Yahaati,
ilma Geershoom, ilma Lewwii;
44karaa bitaa isaatiin immoo warri isaan wajjin turan gosa Meraarii keessaa:
Eetaan ilma Qiisaa, ilma Abdii,
ilma Maluuk, 45ilma Hashabiyaa,
ilma Amasiyaa, ilma Hilqiyaa,
46ilma Amzii, ilma Baanii,
ilma Shemeer, 47ilma Mahilii,
ilma Muusii, ilma Meraarii,
ilma Lewwii.
48Obboloonni isaanii Lewwonni akka hojii dunkaana qulqulluu mana Waaqaa hunda hojjetaniif ramadamanii turan. 49Aroonii fi ilmaan isaa garuu akkuma waan Museen garbichi Waaqaa sun ajajee ture hundaatti hojii Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatiif, sababii Israaʼeliitiifis araara buusuudhaaf iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutii fi iddoo aarsaa ixaanaa irratti aarsaawwan dhiʼeessaa turan. 50Ilmaan Aroon kanneenii dha:
Ilma isaa Eleʼaazaar, ilma isaa Fiinehaas,
ilma isaa Abiishuuwaa, 51ilma isaa Bukii,
ilma isaa Uzii, ilma isaa Zeraayaa,
52ilma isaa Meraayoot, ilma isaa Amariyaa,
ilma isaa Ahiixuub, 53ilma isaa Zaadoqii fi
ilma isaa Ahiimaʼaz.
54Sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef iddoowwan kunneen Aroonii fi ilmaan isaa kanneen balbala Qohaati keessaa dhufaniif ni kennaman; iddoowwan qubata isaanii kanneen akka biyya isaanii taʼaniif isaaniif ramadamanii dha: 55Kebroon isheen biyya Yihuudaa keessaatii fi lafti dheedaa kan naannoo isheetti argamtu isaaniif ni kennaman. 56Lafti qotiisaatii fi gandoonni naannoo Kebrooniitti argaman garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif ni kennaman. 57Ilmaan Arooniif immoo magaalaawwan itti baqatan Kebroon, Libnaa, Yatiir, Eshtimoʼaa, 58Hiileen, Debiir, 59Ashaan, Yootaa fi Beet Shemeshitu lafa dheeda isaanii wajjin kenname.
60Qooda gosa Beniyaam keessaa immoo Gibeʼoon, Gebaa, Alemetii fi Anaatootittu lafa dheeda isaanii wajjin ni kennameef.
Magaalaawwan balbalawwan Qohaatotaatiif kennaman kunneen walumaa galatti kudha sadii turan. 61Ilmaan Qohaati kanneen hafaniif immoo balbala walakkaa gosa Minaasee irraa magaalaawwan kudhanitu ixaadhaan kennameef.
62Ilmaan Geershoomiitiif immoo qooda Yisaakor irraa, qooda Aasheer irraa, qooda Niftaalemiitii fi qooda Minaasee kan Baashaanitti argamu irraa magaalaawwan kudha sadii akkuma gosa gosa isaaniitti kennaman.
63Ilmaan Meraariitiif qooda gosa Ruubeen irraa, qooda gosa Gaadiitii fi qooda gosa Zebuuloon irraa magaalaawwan kudha lama akkuma balbala balbala isaaniitti ni kennaman.
64Akkasiin Israaʼeloonni magaalaawwan kanneen lafa dheeda isaanii wajjin Lewwotaaf ni kennan. 65Gosa Yihuudaa irraa, gosa Simiʼooniitii fi gosa Beniyaam irraa magaalaawwan maqaan isaanii armaan olitti dhaʼame sana ixaadhaan ni kennaniif.
66Maatiiwwan Qohaati tokko tokkos qooda gosa Efreem keessaa magaalaawwan jireenyaa argatanii turan. 67Biyya gaaraa Efreem keessatti magaalaawwan itti baqatan Sheekem, Geezir, 68Yoqemiʼaam, Beet Horoon, 69Ayaaloonii fi Gat Rimoon lafa dheeda isaanii wajjin kennaniif.
70Akkasumas Israaʼeloonni walakkaa qooda gosa Minaasee irraa Aanerii fi Bileʼaam lafa dheeda isaanii wajjin balbalawwan Qohaati kanneen hafaniif ni kennan.
71Ilmaan Geershoom immoo: Balbala walakkaa gosa Minaasee irraa Goolaan ishee Baashaan keessaa sanaa fi Ashtaaroti lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
72gosa Yisaakor irraa
Qaadesh, Daaberaati, 73Raamootii fi Aanem lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
74gosa Aasheer irraa Maashaal, Abdoon, 75Huuqooqii fi Rehoob lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
76gosa Niftaalem irraa immoo Qaadesh ishee Galiilaatti argamtu, Hamoonii fi Kiriyaataayimin lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
77Namoonni gosa Meraarii jechuunis warri Lewwotaa kanneen hafan qooda kanaa gadii argatan: Gosa Zebuuloon irraa Yooqniʼaam, Qartaa, Rimoonii fi Taaboorin lafa dheeda isaanii wajjin argatan;
78gosa Ruubeen kan baʼa Yerikootti Yordaanosiin gama jiru irraa Bezer ishee gammoojjii keessatti argamtu, Yaahizaa, 79Qidemootii fi Meefiʼaati lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
80Gosa Gaad irraa Raamooti ishee Giliʼaad keessaa, Mahanayiim, 81Heshboonii fi Yaʼizeer lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
Copyright information for
GazHAHl