1 Chronicles 8
Hidda Dhaloota Saaʼol Namicha Gosa Beniyaamii
8:28‑38 kwf – 1Sn 9:34‑44
1Beniyaam ilma isaa hangafa Belaa, ilma isaalammaffaa Ashbeel, ilma isaa sadaffaa Aharaa,
2ilma isaa afuraffaa Nohaa fi ilma isaa shanaffaa Raafaa dhalche.
3Ilmaan Belaa:
Adaar, Geeraa, Abiihuud, 4Abiishuuwaa, Naʼamaan, Ahooʼaa, 5Geeraa, Shefuufaanii fi Huuraam.
6Isaan kun ilmaan Eehuudii kanneen hangafoota maatiiwwan warra Gebaa keessa jiraatanii boojuudhaan Maanahatitti geeffamaniiti:
7Naʼamaan, Ahiiyaa fi Geeraa; Geeraan kun abbaa Uzaa fi Ahiihudii ti; namni boojuudhaan fuudhee isaan geesses isa ture.
8Shaharaayim erga niitota isaa Hushiimii fi Baʼaraa of jalaa ariʼee booddee Moʼaab keessatti ilmaan dhalche. 9Niitii isaa Hoodesh irraa Yoobaab, Zibiyaa, Meeshaa, Maalkaam, 10Yeʼuuxi, Saakiyaa fi Miirmaa dhalche; isaan kunneen ilmaan isaa warra hangafoota maatii turanii dha. 11Niitii isaa Hushiim irraa immoo Abiituubii fi Elphaʼal dhalche.
12Ilmaan Elphaʼalii:
Eeber, Mishaam, shemedi isa magaalaawwan Oonooniitii fi Lood gandoota naannoo ishee jiran wajjin ijaare; 13Beriiyaa fi Shemaa kanneen hangafoota maatiiwwan warra Ayaaloon keessa jiraatan sanaa taʼanii jiraattota Gaatii ariʼanii biyyaa baasanii dha.
14Ahiiyoon, Shaashaaq, Yereemooti, 15Zebaadiyaan, Aaraad, Ederi, 16Miikaaʼel, Yishiphaa fi Yoohaan ilmaan Beriiyaa turan.
17Zebaadiyaan, Meshulaam, Hizqii, Hebeer, 18Yishimraay, Yizliyaa fi Yoobaab ilmaan Elphaʼalii turan.
19Yaaqiim, Zikriin, Zabdiin, 20Eliiʼeenaayi, Ziletaayi, Eliiʼeel, 21Adaayaa, Beraayaa fi Shiimraat ilmaan Shimeʼii turan.
22Yishiphaan, Eeber, Eliiʼeel, 23Abdoon, Zikriin Haanaan, 24Hanaaniyaa, Eelaam, Antootiiyaa, 25Yifdeyaa fi Phenuuʼeel ilmaan Shaashaaq turan.
26Shamisheraayi, Shehaariyaa, Ataaliyaa, 27Yaʼireshiyaa, Eeliyaasii fi Zikriin ilmaan Yiroohamii turan.
28Isaan kunneen hundi akkuma hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti abbootii maatiitii fi hangafoota turan; isaanis Yerusaalem keessa jiraatu ture. 29Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture;
maqaan niitii isaa Maʼakaa dha. 30Ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab, 31Gedoor, Ahiiyoo, Zekeerii fi 32Miiqlooti abbaa Shimeʼaa turan; isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
33Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
34Ilmi Yoonaataan:
Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
35Ilmaan Miikaa:
Phiitoon, Meleek, Taareʼaa fi Aahaaz.
36Aahaaz abbaa Yihoʼaadaa ti; Yihooʼadaan abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti. 37Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Raafaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
38Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis:
Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen hundi ilmaan Aazeelii ti.
39Ilmaan obboleessa isaa Eseeqii:
Ilmi isaa hangafni Uulaam, ilmi isaa lammaffaan Yeʼuushi, ilmi isaa sadaffaan Eliiphelexi. 40Ilmaan Uulaam loltoota jajjaboo xiyyaan loluu dandaʼan turan. Isaanis ilmaanii fi ilmaan ilmaanii hedduu walumatti nama 150 qabu turan.
Isaan kunneen hundi ilmaan Beniyaam turan.
Copyright information for
GazHAHl