1 Chronicles 9
1Israaʼeloonni hundinuu akkuma hidda dhaloota isaaniitti kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffaman.Saba Yerusaalem
9:1‑17 kwf – Nah 11:3‑19
Sabni Yihuudaa sababii cubbuu isaatiif boojiʼamee Baabilonitti geeffame. 2Warri jalqabatti deebiʼanii lafaa fi magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan Israaʼeloota tokko tokko, luboota, Lewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa ti. 3Saboonni Yihuudaa, kan Beniyaamii, kan Efreemii fi kan Minaasee warri Yerusaalem keessa jiraachaa turan: 4Uutaayi ilma Amiihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii ilmaan Faares ilma Yihuudaa.5Shelaanota keessaa:
Asaayaa ilma isaa hangaftichaa fi ilmaan isaa.
6Zaaraahota keessaa:
Yeʼuuʼeel.
Saboonni Yihuudaa nama 690 turan. 7Beniyaamota keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Hoodayiwaa, ilma Hasenuuʼaa;
8Bineeyaa ilma Yirooham;
Eelaa ilma Uzii, ilma Mikrii;
Meshulaam ilma Shefaaxiyaa, ilmaa Reʼuuʼeel, ilma Yibniyaa.
9Sabni Beniyaam akka galmee hidda dhaloota isaanii irratti galmeeffametti nama 956 ture. Namoonni kunneen hundi hangafoota maatii isaanii turan. 10Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa; Yehooyaariib; Yaakiin;
11Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub qondaalticha itti gaafatamaa mana Waaqaa taʼe sanaa.
12Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaa; Maʼasaayi ilma Aadiiʼeel, ilma Yahizeeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshileemiit, ilma Imeer.
13Baayʼinni luboota abbootii maatii turaniis 1,760 ture. Isaan kunneen namoota dandeettii qaban kanneen tajaajila mana Waaqaa keessatti itti gaafatamtoota taʼanii dha. 14Lewwota keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuubii, ilma Azriiqaamii, ilma Hashabiyaa namicha gosa Meraarii sanaa;
15Baqbaqar, Hereesh, Gaalaalii fi Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaafi;
16Obaadiyaa ilma Shemaaʼiyaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun;
Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa kan gandoota Netoofotaa keessa jiraachaa ture sana.
17Eegdota balbalaa: Shaluum, Aquub, Talmoon, Ahiimanii fi obboloota isaanii; Shaluum hangafa gosa isaanii ture; 18innis hamma ammaatti Karra Mootii kan gama baʼaa biiftuutti ramadameera. Isaan kunneen eegdota balbala qubata Lewwotaa turan.
19Shaluum ilmi Qooraahi ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraahiitii fi maatiin isaa jechuunis gosti Qoraahii kanneen isa wajjin karra eegan sun akkuma abbootiin isaanii dur itti gaafatamtoota balbala mana bultii Waaqayyoo turan sana isaanis itti gaafatamtoota balbala dunkaanaa taʼan.
20Bara durii keessa Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar sun dura buʼaa eegdota balbalaa ture; Waaqayyos isa wajjin ture.
21Zakkaariyaas ilmi Mesheleemiyaa immoo eegduu balbala dunkaana wal gaʼii ture.
22Namoonni akka balbala eeganiif filataman walumatti 212 turan. Isaanis akkuma hidda dhaloota isaaniitti gandoota isaanii keessatti galmeeffaman. Eegdota balbalaa kanneenis Daawitii fi Saamuʼeel raajichatu hojii isaaniitti isaan ramade. 23Isaanii fi sanyiiwwan isaanii itti gaafatamtoota eegumsa karra mana Waaqayyoo jechuunis manicha Dunkaana jedhamu sanaa turan. 24Eegdonni balbalaa kunneen qixa afraniin jechuunis karaa baʼa biiftuu, karaa lixa biiftuu, karaa kaabaatii fi kibbaatiin turan. 25Obboloonni isaaniis yeroo yerootti gandoota isaanii keessaa dhufanii bultii torba torba hojii isaan gargaaraa turan. 26Dura buutota eegdota balbalaa kanneen Lewwota turan afran garuu itti gaafatamummaa kutaalee fi qabeenya mana Waaqaa keessaatu itti kenname. 27Isaanis sababii manicha eeguu qabaniif halkan halkan naannoo mana Waaqaa dhaabatanii bulu turan; ganama ganamas manicha banuuf itti gaafatamummaa qabu turan. 28Isaan keessaa namoonni tokko tokko toʼattoota miʼa mana qulqullummaa keessatti fayyaduu turan; isaanis miʼa kana yeroo inni gad baafamuu fi yeroo inni ol galfamu ni lakkaaʼu ture. 29Warri kaan immoo akka miʼoota mana qulqullummaa, daakuu isaa, daadhii wayinii isaa, zayitii isaa, ixaana isaatii fi urgooftuuwwan eeganiif ramadaman. 30Luboota keessaa tokko tokko immoo urgooftuuwwan walitti makanii qopheessu ture. 31Lewwicha Matiitiyaa jedhamu, ilma Shaluum namicha gosa Qooraahi hangaftichatti immoo itti gaafatamummaa buddeena aarsaa tolchuutu kenname. 32Obboloota isaanii Qohaatota tokko tokkotti immoo itti gaafatamummaa buddeena guyyaa Sanbataa hunda minjaala irra kaaʼamu qopheessuutu kenname. 33Faarfattoonni abbootii maatiiwwani Lewwotaa turan immoo waan halkanii fi guyyaa itti gaafatamummaa hojii qabaniif kutaa mana qulqullummaa keessaa hin baʼan; hojii biraattis hin waamaman ture. 34Isaan kunneen hundinuu abbootii maatiiwwan Lewwotaa hangafoota gosaa kanneen akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffamanii dha; isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
Hidda dhaloota Saaʼol
9:34‑44 kwf – 1Sn 8:28‑38
35Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture.Maqaan niitii isaa Maʼakaa dha; 36ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab, 37Gedoor, Ahiiyoo, Zakkaariyaas fi Miiqlooti. 38Miiqlooti abbaa Shimeʼaam. Isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
39Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
40Ilmi Yoonaataan:
Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
41Ilmaan Miikaa:
Phiitoon, Meleek, Tahireeʼaa fi Aahaaz.
42Aahaaz abbaa Yaʼiraa ti; Yaʼiraan immoo abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti. 43Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Refaayaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
44Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis:
Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen ilmaan Aazeelii ti.
Copyright information for
GazHAHl