‏ 1 Corinthians 11

1Akkuma ani Kiristoosin fakkaadhu, isinis na fakkaadhaa.

Sirna Waaqeffannaa

2Ani sababii isin waan hundaan na yaadattanii fi waan duudhaa ani dabarsee isinitti kennes jabeessitanii qabattaniif isinin galateeffadha. 3Ani akka mataan dhiira hundumaa Kiristoos taʼe, akka mataan dubartii dhiira taʼe, akka mataan Kiristoos immoo Waaqa taʼe akka beektan nan barbaada. 4Dhiirri mataa isaa haguuggatee kadhatu yookaan raajii dubbatu hundinuu mataa ofii isaa salphisa. 5Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin kadhattu yookaan raajii dubbattu kam iyyuu mataa ofii ishee salphifti; kun akka waan mataan ishee haaddameetti hedamaatii. 6Dubartiin tokko yoo mataa ishee haguuggachuu baatte rifeensa mataa ishee murachuu qabdi; dubartiin rifeensa mataa ishee murachuun yookaan haaddachuun yoo qaanii itti taʼe immoo mataa ishee haguuggachuu qabdi.

7Dhiirri fakkaattii fi ulfina Waaqaa waan taʼeef mataa isaa haguuggachuu hin qabu; dubartiin garuu ulfina dhiiraa ti. 8Dubartiitu dhiira irraa argame malee dhiirri dubartii irraa hin argamneetii; 9dubartiitu dhiiraaf uumame malee dhiirri dubartiif hin uumamne. 10Kanaafuu dubartiin sababii ergamoota Waaqaatiif mallattoo taayitaa mataa ishee irraa qabaachuu qabdi. 11Taʼus Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee yookaan dhiirri dubartii malee hin taʼu. 12Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte akkasuma immoo dhiirri dubartii irraa dhalataatii; wanni hundi garuu Waaqa biraa argama.

13Mee isinuu murteessaa; dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin Waaqa kadhachuun sirriidhaa? 14Akka dhiirri rifeensa mataa dheereffachuun isaaf salphina taʼe uumamni iyyuu isin hin barsiisuu? 15Dubartiin garuu yoo rifeensa dheeraa qabaatte, inni isheef ulfina mitii? Rifeensi dheeraan akka haguuggiitti isheef kennameeraatii. 16Garuu yoo abbaan fedhe iyyuu waaʼee kanaa mormuu barbaade, nu yookaan waldaaleen kiristaanaa Waaqaa duudhaa akkasii hin qabnu.

Irbaata Gooftaa

11:23‑25 kwf – Mat 26:26‑28; Mar 14:22‑24; Luq 22:17‑20

17Walitti qabamuun keessan waan waa balleessu malee waa tolchu hin taʼiniif ani ajaja kana keessatti isin hin jaju. 18Waan hunda dura, yommuu isin akka waldaatti walitti qabamtanitti akka gargar baʼuun gidduu keessan jiru nan dhagaʼa; kanas karaa tokkoon ani nan amana. 19Warra isin keessaa Waaqa biratti fudhatama qaban ifatti baasuuf, garaa garummaan isin gidduu jiraachuu qaba. 20Yommuu walitti qabamtanitti wanti isin nyaattan Irbaata Gooftaa miti; 21yeroo nyaataatti namni hundinuu irbaata ofii isaa nyaata. Inni tokko ni beelaʼa; kaan immoo ni machaaʼa. 22Isin mana itti nyaattanii fi itti dhugdan hin qabdan moo? Yookaan waldaa Kiristaanaa Waaqaa tuffattanii warra homaa hin qabne qaanessitu? Ani maalan isiniin jedha? Isin jajuu ree? Ani kanaan isin hin jaju!

23Ani waanan dabarsee isinitti kenne kana Gooftaa irraa fudhadheeraatii; Gooftaa Yesuus halkan dabarfamee kenname sana buddeena fuudhee, 24galata galche; buddeena sanas caccabsee, “Kun foon koo kan isiniif taʼuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedhe. 25Akkasumas irbaata booddee xoofoo fuudhee, “Xoofoon kun kakuu haaraa dhiiga kootiin taʼuu dha; yeroo isa dhugdan hunda na yaadachuuf godhadhaa” jedhe. 26Isinis hamma Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan hunda duʼa isaa ni labsitu.

27Kanaafuu namni haala hin malleen buddeena sana nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa dhugu kam iyyuu foonii fi dhiiga Gooftaatti ni gaafatama. 28Namni tokko utuu buddeena sana irraa hin nyaatin, utuu xoofoo sana irraas hin dhugin dura of qoruu qaba. 29Namni utuu foon Gooftaa addaan baasee hin hubatin nyaatee dhugu, inni ofii isaatti murtii nyaatee dhugaatii. 30Kanaafis isin keessaa hedduun dadhabaniiru; dhukkubsataniirus; hedduunis boqotaniiru. 31Utuu of qorree garuu nutti hin muramu ture. 32Gooftaan yommuu nutti muru garuu akka addunyaa wajjin nutti hin muramneef nu adaba.

33Kanaafuu yaa obboloota ko, isin yommuu nyaachuuf walitti qabamtan wal eegaa. 34Akka walitti qabamuun keessan murtii isinitti hin fidneef eenyu iyyuu yoo beelaʼe mana isaatti haa nyaatu!

Waan hafe irratti immoo ani yommuun dhufutti qajeelcha nan kenna.
Copyright information for GazHAHl