1 Corinthians 13
1Ani yoon afaan namootaatii fi afaan ergamoota Waaqaa dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti. 2Ani yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhe, icciitii hundaa fi beekumsa hunda hubachuu yoon dandaʼe, amantii gaara buqqisuu dandaʼus yoon qabaadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan ani homaa miti. 3Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu. 4Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. 5Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. 6Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. 7Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata. 8Jaalalli gonkumaa hin badu. Raajii taanaan ni darba; afaan haaraa taanaan ni hafa; beekumsas taanaan ni bada. 9Nu beekumsa irraa gara tokko beeknaatii; raajiis gara tokko dubbanna; 10yommuu inni guutuun dhufutti garuu inni gartokkeen ni bada. 11Ani yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleettin dubbadha ture; akka ijoolleettin yaada ture; akka ijoolleetti nan herrega ture; ani ergan nama guddaa taʼee garuu ijoollummaa dhiiseera. 12Amma of-ilaalee keessaan bifa dimimmisaaʼaa arginaatii; yeroo sana garuu ifaan ifatti ni argina. Ani amma gartokkon beeka; yeroo sana garuu ani akkuma guutummaatti beekame sana guutummaatti beekuufin jira. 13Egaa amantiin, abdii fi jaalalli sadan isaanii iyyuu ni jiraatu. Isaan keessaa garuu jaalalatu caala.
Copyright information for
GazHAHl