‏ 1 Corinthians 14

Qalbeeffannaa Yeroo Waaqeffannaa

1Karaa jaalalaa duukaa buʼaa; kennaawwan Hafuuraa, keessumattuu kennaa raajii cimsaatii barbaadaa. 2Namni afaan haaraan dubbatu kam iyyuu Waaqatti malee namootatti hin dubbatuutii. Dhugumaan namni tokko iyyuu isa hin hubatu; inni Hafuuraan icciitii dubbata. 3Namni raajii dubbatu garuu isaan ijaaruuf, gorsuu fi jajjabeessuuf jedhee namootatti dubbata. 4Namni afaan haaraan dubbatu ofuma isaa cimsa; kan raajii dubbatu garuu waldaa kiristaanaa cimsa. 5Ani akka hundi keessan afaan haaraan dubbattan nan barbaada; caalaatti garuu akka raajii dubbatan nan jaalladha. Namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waldaan kiristaanaa ittiin jajjabaattuuf jedhee waan dubbatu sana yoo hiikuu baate isa afaan haaraan dubbatu irra isa raajii dubbatutu caala.

6Egaa yaa obboloota, ani yoon mulʼata yookaan beekumsa yookaan raajii yookaan barsiisa tokko tokko isinitti hime malee yoon afaan haaraa qofa dubbachaa gara keessan dhufe maal isin fayyada? 7Kunis meeshaa lubbuu hin qabne kan akka ululleetii fi kiraaraa kanneen sagalee kennan biratti illee akkanuma; ululleen afuufamee yookaan kiraarri rukutamee yoo sagaleen isaa gargar baafame malee namni tokko akkamitti addaan baasee beekuu dandaʼa? 8Yoo sagaleen malakataa addaan baafamee beekame malees eenyutu lolaaf qophaaʼa? 9Isinis akkasuma. Yoo afaan keessaniin dubbii hubatamaa dubbattan malee namni tokko akkamitti waan isin jettan sana beekuu dandaʼa? Qilleensatti dubbachuu keessaniitii. 10Akka afaan gosa garaa garaa addunyaa irra jiran hin shakkamu. Garuu isaan keessaa kan hiikkaa hin qabne tokko iyyuu hin jiru. 11Kanaafuu ani yoon hiikkaa waan namni tokko dubbatuu hubachuu baadhe ani namicha dubbatu sanatti alagaa dha. Namichi dubbatu sunis anatti alagaa dha. 12Isinis akkasuma. Isin waan jabeessitanii kennaawwan Hafuuraa qabaachuu barbaaddaniif, kennaawwan waldaa kiristaanaa cimsan jabeessaatii barbaadaa.

13Kanaaf namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waan dubbatu sana hiikuu dandaʼuuf kadhachuu qaba. 14Yoo ani afaan haaraan kadhadhe hafuurri koo ni kadhataatii; qalbiin koo garuu hin hirmaatu. 15Yoos ani maalan godha ree? Hafuura kootiin nan kadhadha; qalbii kootiinis nan kadhadha; hafuura kootiin nan faarfadha; qalbii kootiinis nan faarfadha. 16Yoo kanaa achii utuu ati hafuura keetiin Waaqa galateeffachuutti jirtuu, namni iddoo warra hin baratinii taaʼe tokko waan ati dubbattu waan hin beekiniif akkamitti galata ati dhiʼeessitu sanaaf “Ameen” jechuu dandaʼaa? 17Ati dhugumaan sirriitti galateeffata taʼa; namni kaan garuu ittiin hin jajjabeeffamu.

18Ani waanan hunduma keessan caalaa afaan haaraan dubbadhuuf Waaqa nan galateeffadha. 19Waldaa kiristaanaa keessatti garuu dubbii kuma kudhan afaan haaraan dubbachuu irra warra kaan barsiisuuf dubbii hubatamaa shan dubbachuu nan barbaada.

20Yaa obboloota, akka ijoolleetti yaaduu dhiisaa; waan hamaaf daaʼimman taʼaa; hubannaadhaan garuu nama guddaa taʼaa. 21Seera keessatti akkana jedhamee barreeffameera: “Ani afaan biraatiin,
afaan alagootaatiinis
saba kanatti nan dubbadha;
isaan garuu yeroo sanatti illee na hin dhagaʼan,
jedha Gooftaan.”

22Kanaafuu afaan haaraan dubbachuun warra hin amaniniif mallattoo taʼa malee warra amananiif miti; raajii dubbachuun garuu warra amananiif malee warra hin amaniniif miti. 23Egaa waldaan amantootaa guutuun walitti qabamee yoo hundi isaanii afaan haaraan dubbatan, yoo namoonni hin baratin yookaan namoonni hin amanne ol seenan isin maraattaniirtu isiniin hin jedhanii? 24Utuu namni hundi raajii dubbachaa jiruu yoo namni hin amanne tokko yookaan namni hin baratin tokko ol seene inni akka cubbamaa taʼe nama hundaan ni amansiifama; nama hundaanis isatti murama; 25icciitiin garaa isaa keessaas ifatti ni baafama. Innis, “Waaqni dhugumaan isin gidduu jira” jedhee dubbachaa addaan lafatti gombifamee Waaqa waaqeffata.

Sirna Gaarii Yeroo Waaqeffannaa

26Yaa obboloota, egaa maal jenna ree? Yommuu isin walitti qabamtanitti namni hundi faarfannaa yookaan barsiisa yookaan mulʼata yookaan afaan haaraa yookaan hiikkaa afaan haaraa sanaa qaba. Wanni hundinuu waldaa kiristaanaa cimsuuf hojjetamuu qabu. 27Namni afaan haaraan dubbatu yoo jiraate lama yookaan yoo baayʼate sadii taʼanii dabaree dabareen haa dubbatan; namni tokko immoo haa hiiku. 28Yoo namni hiiku jiraachuu baate garuu namichi dubbatu sun waldaa kiristaanaa keessatti calʼisee ofii isaattii fi Waaqatti haa dubbatu.

29Raajonnis lama yookaan sadii taʼanii haa dubbatan; warri kaan immoo waan dubbatamu sana haa madaalan. 30Yoo warra achi taaʼan keessaa isa tokkoof mulʼanni dhufe, namichi duraan dubbachaa ture sun haa calʼisu. 31Namni hundi akka baratuuf, hundinuus akka jajjabeeffamuuf dabaree dabareedhaan raajii dubbachuu ni dandeessuutii. 32Hafuuronni raajotaa raajotaaf ni ajajamu. 33Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti.

34Dubartoonni waldaa kiristaanaa keessatti haa calʼisan. Akka seerri jedhutti isaan akka ajajaman malee akka dubbatan hin eeyyamamneefiitii. 35Wanti isaan beekuu barbaadan yoo jiraate manatti dhirsa isaanii haa gaafatan; dubartiin tokko waldaa kiristaanaa keessatti dubbachuun qaaniidhaatii.

36Dubbiin Waaqaa isin keessaa argamee? Yookaan isinuma qofa bira gaʼee? 37Eenyu iyyuu yoo raajii yookaan nama Hafuuraa of seʼe akka wanni ani amma isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa taʼe haa beeku. 38Namni kam iyyuu yoo waan kana beekuu baate, inni hin beekin.

39Kanaaf yaa obboloota ko, raajii dubbachuu jabeessaatii hawwaa; afaan haaraan dubbachuus hin dhowwinaa. 40Wanti hundinuu garuu karaa qajeelaa fi sirna qabeessa taʼeen hojjetamuu qaba.
Copyright information for GazHAHl