1 Corinthians 16
Buusii Qulqullootaaf Walitti Qabame
1Egaa waaʼee buusii qulqullootaaf walitti qabamuu, isinis akkuma ani waldoota kiristaanaa kanneen Galaatiyaa ajaje sanatti raawwadhaa. 2Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa. 3Anis yeroon isin bira dhufutti akka namoonni isin filattan kennaa keessan geessaniif xalayaa ittiin beekaman kenneefii Yerusaalemitti isaan nan erga. 4Yoo dhaquun koo barbaachisaa taʼe immoo isaan na wajjin dhaqu.Karoora Karaa Phaawulos
5Ani waanan Maqedooniyaa keessa darbuuf, yeroon Maqedooniyaa keessa darbutti isin bira nan dhufa. 6Akka isin iddoo ani dhaqu hundatti karaa koo irratti na gargaaruu dandeessaniif tarii yeroo xinnoo isin bira nan tura taʼa; yookaan ganna isin bira nan tura taʼa. 7Yoo Gooftaan jedhe ani waanan yeroo muraasa isin bira turuu abdadhuuf, amma utuun darbuu goree isin arguu hin barbaadu. 8Hamma guyyaa Pheenxeqoosxeetti garuu Efesoon keessa nan tura. 9Balballi guddaanii fi buʼaa qabeessi tokko naa banameeraatii; mormitoonnis baayʼee dha. 10Yoo Xiimotewos gara keessan dhufe waan innis akkuma koo hojii Gooftaa hojjetuuf yeroo inni isin bira turutti akka inni waa tokko iyyuu hin sodaanne godhaa. 11Kanaaf namni tokko iyyuu isa hin tuffatin; akka inni gara kootti deebiʼuufis nagaadhaan ergaa; ani obboloota wajjin isa eegaan jiraatii. 12Waaʼee obboleessa keenya Apholoos immoo akka inni obboloota kaan wajjin gara keessan dhufuuf ani jabeessee isa kadhadheen ture. Inni garuu amma dhufuuf gonkumaa fedhii hin qabu; yeroo isaaf mijaaʼutti garuu ni dhufa. 13Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas. 14Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu. 15Yaa obboloota, akka warri mana Isxiifaanaas jiraatan Akaayaa keessaa warra jalqabatti amanan taʼan isin ni beektu; isaanis qulqulloota tajaajiluuf of kennaniiru. 16Anis akka isin namoota akkasiitiif, warra isaan wajjin hojjetanii fi dadhaban hundaaf ajajamtan isinin kadhadha. 17Isxiifaanaas, Fartunaaxoosii fi Akaayiqos na bira dhufuu isaaniitti ani gammadeera; isaan waan asii dhabamuu keessaniin hirʼate guutaniiruutii. 18Isaan hafuura koo fi hafuura keessan boqochiisaniiruutii. Kanaaf isin namoota akkanaatiif beekamtii kennaa.Dhaamsa Nagaa Xumuraa
19Waldoonni kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa nagaa isiniif dhaamu. Aqiilaa fi Phirisqillaan, waldaan kiristaanaa kan mana isaanii jirtus Gooftaadhaan nagaa guddaa isiniif dhaamu. 20Obboloonni hundinuu nagaa isinii dhaamu. Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. 21Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa. 22Namni Gooftaa hin jaallanne kam iyyuu haa abaaramu. Yaa Gooftaa kottu. 23Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu. 24Jaalalli koo Kiristoos Yesuusiin hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
Copyright information for
GazHAHl