‏ 1 Corinthians 3

Waaʼee Gargar Baʼuu Waldaa Kiristaanaa

1Yaa obboloota, ani akka namoota foonii warra Kiristoositti daaʼimman taataniitti malee akka namoota Hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye. 2Waan isin nyaata jabaa nyaachuu hin gaʼiniif ani aannan isiniif kenne malee nyaata cimaa isinii hin kennine. Dhugumaan isin amma iyyuu nyaachuu hin dandeenye. 3Isin amma iyyuu nama foonii ti. Sababii hinaaffaa fi wal qoccoluun isin gidduu jiruuf isin nama foonii mitii? Akkuma namoota kaaniitti jiraattu mitii? 4Namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedhee, inni kaan immoo, “Ani kan Apholoos” yoo jedhe isin namuma qofa mitii ree?

5Egaa Apholoos eenyu? Phaawulosis eenyu? Isaan warra akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti tajaajilanii dha; isin immoo karaa isaaniitiin amantan. 6Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Waaqni garuu ni guddise. 7Kanaafuu Waaqa isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti. 8Inni dhaabus, inni bishaan obaasus tokkuma; tokkoon tokkoon isaaniis akkuma dadhabbii isaaniitti gatii ni argatu. 9Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis.

10Anis ayyaana Waaqni naa kenneen akkuma ogeessa ijaarsaa tokkootti hundee buuseera; namni kaan immoo isa irratti ijaaraa jira. Garuu tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka ijaaru of eeggachuu qaba. 11Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos. 12Namni kam iyyuu yoo hundee sana irratti warqeen, meetiin, dhagaa gatii guddaatiin, mukaan, citaan yookaan hoffaan ijaare, 13guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora. 14Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata. 15Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama.

16Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii? 17Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.

18Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu. 19Ogummaan addunyaa kanaa fuula Waaqaa duratti gowwummaadhaatii. Kunis isa, “Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba” jedhamee barreeffamee dha. 20Akkasumas, “Gooftaan akka yaadni ogeeyyii faayidaa hin qabne ni beeka” jedhameera. 21Kanaafuu eenyu iyyuu namaan hin booniin! Wanni hundinuu keessaniitii; 22Phaawulosis taʼu Apholoos yookaan Keefaan yookaan addunyaan yookaan jireenyi yookaan duuti yookaan wanti amma jirus taʼu wanti dhufu hundinuu keessan; 23isin kan Kiristoos; Kiristoos immoo kan Waaqaa ti.
Copyright information for GazHAHl