1 Corinthians 5
Halalummaa Waldaa keessa Jiru
1Akka halalummaan ormoota keessatti illee hin beekamin isin gidduu jiru odeeffamaa jira: namni niitii abbaa isaa wajjin ciise tokko jiraatii. 2Isinis of tuultaniirtu! Qooda kanaa akka malee gadditanii namicha waan akkasii hojjete sana tokkummaa keessan keessaa baasuun isin irra hin jiruu? 3Ani fooniin isin biratti argamuu baadhu illee hafuuraan isin wajjinan jira. Ani akka waan isin wajjin jiruutti namicha waan akkasii hojjetetti ammuma mureera. 4Yommuu isin maqaa Gooftaa keenya Yesuusiin walitti qabamtanitti anis yeroo hafuuraan isin wajjin taʼuuttii fi humna Gooftaa keenya Yesuus arganutti, 5akka foon isaa balleeffamuuf, akka hafuurri isaa immoo guyyaa Gooftaatti fayyuuf namicha kana dabarsaatii Seexanatti kennaa. 6Of tuuluun keessan gaarii miti. Isin akka raacitiin xinnoon bukoo guutuu bukeessitu hin beektanii? 7Isin waan bukoo raacitii hin qabne taataniif akka Maxinoo haaraa taataniif raacitii moofaa of keessaa baasaatii gataa; hoolaan Faasiikaa keenya, Kiristoos aarsaa nuuf taʼeeraatii. 8Kanaafuu kottaa raacitii moofaa yookaan raacitii jalʼinaatii fi hamminaatiin utuu hin taʼin Buddeena Hin bukaaʼin kan qulqullinaa fi dhugaa of keessaa qabuun ayyaanicha ayyaaneffannaa. 9Ani akka isin namoota halalummaadhaan jiraatan wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef xalayaa koo keessatti isinii barreesseen ture; 10kunis gonkumaa namoota halalummaadhaan addunyaa kana irra jiraatan yookaan doqnootaa fi saamtota yookaan warra Waaqa tolfamaa waaqeffatan jechuu koo miti. Utuu akkas taʼee immoo silaa addunyaa kana keessaa baʼuu qabdu ture. 11Ani garuu akka isin nama, “Ani obboleessa” ofiin jechaa halalummaan jiraatu yookaan doqna yookaan nama Waaqa tolfamaa waaqeffatu yookaan maqaa nama balleessu yookaan machooftuu yookaan saamtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef amma isinii barreessa. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa! 12Warra ala jiranitti muruun hojii kootii? Isin warra keessa jiranitti muruu hin qabdanii? 13Waaqni warra ala jiranitti ni mura; “Nama hamaa of keessaa baasaa!” ▼
Copyright information for
GazHAHl