1 Corinthians 6
Wal Himachuu Amantootaa
1Isin keessaa namni kam iyyuu yoo nama biraa irraa falmii qabaate, dhimma isaa qulqulloota duratti dhiʼeeffachuu irra akkamitti warra Waaqatti hin amanin duratti murtiif dhiʼeeffachuuf ija jabaata? 2Isin akka qulqulloonni addunyaatti muran hin beektanii? Erga kan addunyaatti murtan taatanii waan xixinnootti muruu hin dandeessanii? 3Isin akka nu ergamoota Waaqaatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree? 4Egaa yoo falmii dhimma akkasii qabaattan maaliif namoota waldaa Kiristaanaa keessatti tuffataman duratti dhiʼeeffattu ree? 5Anis isin qaanessuuf waan kana nan dubbadha. Namni beekaan falmii amantoota gidduu jiruuf murtii kennuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru jechuudhaa? 6Obboleessi tokko obboleessa kaan himachuuf jedhee mana murtii dhaqa; kunis fuula warra hin amannee duratti! 7Wal himachuun keessan amma iyyuu guutumaatti moʼatamuu keessan argisiisa. Qooda kanaa dabni isinitti hojjetamuu hin wayyuu? Gowwoomfamuu isinii hin wayyuu? 8Garuu isin mataan keessan iyyuu ni gowwoomsitu; dabas ni hojjettu; kanas obbolootuma keessanitti hojjettu. 9Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, 10yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan. 11Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.Halalummaa
12“Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” kan faayidaa qabu garuu hunda isaa miti; “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” garuu wanti tokko iyyuu na hin moʼatu. 13“Nyaanni garaadhaaf; garaanis nyaataaf;” Waaqni garuu lachan isaanii iyyuu ni balleessa. Dhagni Gooftaa tajaajiluudhaaf malee halalummaaf miti; Gooftaanis dhagnaaf. 14Waaqni humna isaatiin warra duʼan keessaa Gooftaa kaaseera; nus akkasuma ni kaasa. 15Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Kiristoos taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Kiristoos fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu! 16Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? “Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu” ▼ jedhameeraatii. 17Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko. 18Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta. 19Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; 20isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
Copyright information for
GazHAHl