‏ 1 Corinthians 9

Mirga Ergamaa Tokkoo

1Ani bilisa mitii? Ani ergamaa mitii? Ani Gooftaa keenya Yesuusin hin arginee? Isin buʼaa hojii ani Gooftaaf hojjedhee mitii? 2Ani yoon warra kaaniif ergamaa taʼuu baadhe iyyuu isiniif dhugumaan ergamaa dha! Isin Gooftaadhaan chaappaa ergamtummaa koo ti.

3Deebiin ani warra na qoraniif kennu kana. 4Nu nyaachuu fi dhuguuf mirga hin qabnuu? 5Nu akkuma ergamoota kaanii, akkuma obboloota Gooftaatii fi akkuma Keefaa niitii amantu tokko of faana fudhannee deemuuf mirga hin qabnuu? 6Yookaan anaa fi Barnaabaas qofatu hojii dhiisuuf mirga hin qabnee?

7Namni baasii ofii isaatiin loltuu taʼee tajaajilu eenyu? Namni iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabee ija isaa hin nyaanne eenyu? Namni bushaayee tiksaa aannan hin dhugne eenyu? 8Kanas ani akka taayitaa namaa qofaanan dubbadhaa? Seerris kanuma dubbata mitii? 9Seera Musee keessatti, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin” jedhamee barreeffameeraatii. Egaa Waaqni qotiyyoodhaaf yaaduu isaatii ree? 10Inni guutummaatti sababii keenyaaf dubbachuu isaa mitii? Eeyyee, kun sababii keenyaaf barreeffame; sababiin isaa inni qotu qotuun isaa, inni midhaan siribsiisus siribsiisuun isaa akka midhaan sana keessaa qooddatu abdachaa hojjechuu qaba. 11Nu waan hafuuraa isin keessatti facaafnee yoo waan foonii isin irraa haammanne kun ni guddataa? 12Erga warri kaan mirga gargaarsaa kana isin irraa qabaattanii, nu immoo kan caalu hin qabaannuu ree?

Nu garuu mirga kanatti hin fayyadamne. Nu wangeela Kiristoositti gufuu taʼuu mannaa waanuma hunda obsuu qabna.

13Isin akka warri mana qulqullummaa keessa wantoota qulqulluu irra tajaajilan nyaata isaanii mana qulqullummaa irraa argatan, akka warri iddoo aarsaa tajaajilan immoo waan iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamu irraa qooddatan hin beektanii? 14Akkasuma immoo akka warri wangeela lallaban waan ittiin jiraatan wangeela irraa argatan Gooftaan ajajeera.

15Ani garuu mirga kana keessaa tokkotti illee hin fayyadamne. Kanas isiniif barreessuun koo waan akkasii naa gootu jedhee abdadhee miti. Namni tokko waan ani ittiin of jaju kana na jalaa busheessuu mannaa ani duʼuu naa wayya! 16Ani yoon wangeela lallabe of jajuu hin dandaʼu; lallabuun dirqama kootii. Yoon wangeela lallabuu baadhe anaaf wayyoo! 17Ani yoon fedhii kootiin lallabe badhaasa qaba; yoon fedhii kootiin hin taʼin garuu ani imaanaadhuma natti kenname sana raawwachuu koo ti. 18Yoos badhaasni koo maali ree? Badhaasni koo, lallaba koo keessatti ani mirga wangeelaan qabutti guutuumaan guutuutti utuu hin fayyadamin kaffaltii malee wangeela lallabuu koo ti.

Phaawulos Mirga Isaatti Fayyadamuu Isaa

19Ani nama hunda irraa bilisa taʼu iyyuu nama gara caaluuf buʼaa buusuuf jedhee nama hundaaf of garboomse. 20Ani Yihuudootaaf buʼaa buusuuf jedhee Yihuudootaaf akka Yihuudii nan taʼe. Yoon ofii kootii seera jala jiraachuu baadhe iyyuu, warra seera jala jiraniif buʼaa buusuuf jedhee akka nama seera jala jiruu nan taʼe. 21Ani utuun seera Waaqaatiin ala hin taʼin, garuu utuman seera Kiristoos jala jiruu, warra seera hin qabneef buʼaa buusuuf jedhee warra seera hin qabneef akka nama seera hin qabneen taʼe. 22Ani warra dadhaboof buʼaa buusuuf jedhee warra dadhaboo biratti dadhabaan taʼe. Ani karaa dandaʼamu hundaan namoota tokko tokko fayyisuuf jedhee nama hunda biratti waanuma hunda nan taʼe. 23Akkan wangeela keessatti hirmaadhuufis sababii wangeelaatiif jedhee waan kana hunda nan hojjedha.

Barbaachisummaa Naamusa Dhuunfaa

24Dorgommii fiigichaa keessatti akka warri fiigan hundinuu dorgoman, garuu akka namni tokko qofti badhaasa argatu hin beektanii? Isinis akkasuma akka badhaasa argattaniif fiigaa! 25Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona. 26Kanaafuu ani akka nama kaayyoo malee fiiguutti hin fiigu; akka nama qilleensa rukutuutti hin lolu. 27Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.
Copyright information for GazHAHl