‏ 1 John 4

Waaʼee Falmii Fooniin Mulʼachuu Kiristoos

1Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru. 2Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti; 3hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.

4Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii. 5Isaan kan addunyaa ti; kanaaf wanni isaan dubbatanis kanuma addunyaa ti; addunyaanis isaan dhaggeeffata. 6Nu kan Waaqaa ti; namni Waaqa beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Waaqaa hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.

Jaalala Waaqaatii fi Jaalala Keenya

7Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka. 8Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku. 9Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera. 10Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge. 11Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna. 12Namni tokko iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; yoo wal jaallanne garuu Waaqni nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.

13Inni waan Hafuura isaa irraa nuu kenneef nu akka isa keessa jiraannuu fi akka innis nu keessa jiraatu kanaan ni beekna. 14Akka inni Fayyisaa addunyaa taʼuuf jedhee Abbaan Ilma isaa akka erge argineerra; dhugaa baanas. 15Yoo namni kam iyyuu Yesuus Ilma Waaqaa akka taʼe dhugaa baʼe, Waaqni isa keessa jiraata; innis Waaqa keessa jiraata.

16Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras.

Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.
17Nus akka guyyaa murtiitti ija jabina qabaannuuf karaa kanaan jaalalli nu gidduutti guutuu taʼeera; nu addunyaa kana irratti Yesuusin fakkaannaatii. 18Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.

19Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna. 20Namni, “Ani Waaqa nan jaalladha” jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Waaqa hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu. 21Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Waaqa jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.
Copyright information for GazHAHl