‏ 1 Kings 11:41-43

Solomoon Duʼuu Isaa

11:41‑43 kwf – 2Sn 9:29‑31

41Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, wanni inni hojjetee fi ogummaan isaa hundi kitaaba seenaa Solomoon keessatti barreeffamanii jiru mitii? 42Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche. 43Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.
Copyright information for GazHAHl