1 Kings 15:17-22
17Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare. 18Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ofii isaa keessatti hafe hunda fudhate. Innis waan kana qondaaltota isaatti imaanaa kennee gara Ben-Hadaad ilma Xabrimoon ilma Heziyoon mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaatti isaan erge. 19Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani kennaa meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen. 20Ben-Hadaadis yaada Aasaa Mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Innis Iiyoon, Daan, Abeel Beet Maʼaakaa fi Kinereeti hunda Niftaalemin dabalee of jala galfate. 21Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee Tiirzaatti gale. 22Aasaan mootichis guutummaa Yihuudaatti ajaja baase; namni tokkos hin hambifamne; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan achitti ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaa mootichis Beniyaam keessatti Gebaa, akkasumas Miisphaa ittiin ijaarrate.
Copyright information for
GazHAHl