‏ 1 Kings 8:62-66

Manni Qulqullummaa Eebbifamuu Isaa

8:62‑66 kwf – 2Sn 7:1‑10

62Ergasii mootichii fi sabni Israaʼel kanneen isa wajjin turan hundi fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessan. 63Solomoonis aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeesse; aarsaan dhiʼeeffames loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama ture. Akkasiin mootichii fi sabni Israaʼel hundi mana qulqullummaa Waaqayyoo eebbisan.

64Mootichis guyyuma sana iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru sanaa Waaqaaf addaan ni baasee aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi aarsaa nagaa achitti dhiʼeesse; kunis sababii iddoon aarsaa kan naasii irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma aarsaa nagaa baachuu hin dandeenyeef.

65Kanaafuu Solomoon yeroo sanatti Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate. Isaanis ayyaana kana bultii torbaa fi bultii biraa torba walumaa galatti bultii kudha afur fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti ayyaaneffatan. 66Innis guyyaa itti aanutti namoota of irraa geggeesse. Isaanis waan gaarii Waaqayyo garbicha ofii isaa Daawitii fi saba ofii isaa Israaʼeliif hojjete hundaaf mooticha eebbisanii ililchaa garaa isaanii keessatti gammadaa mana isaaniitti galan.
Copyright information for GazHAHl