1 Kings 17
Eeliyaas Arraagessaan Sooramuu Isaa
1Eeliyaas namichi Tishbii kan biyya Giliʼaad keessaa magaalaa Tishbiitii dhufe tokko Ahaabiin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqa Israaʼel, Waaqayyo jiraataa ani isa tajaajilu sanaa! Yoo ani dubbadhe malee waggoota muraasa dhufan keessa fixeensi yookaan bokkaan hin jiraatu.” 2Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Eeliyaas dhufe; 3“Asii deemiitii gara baʼa biiftuutti qajeelii Laga Keriit kan gama baʼa Yordaanositti argamu keessa dhokadhu. 4Ati Laga sana keessaa bishaan ni dhugda; anis akka isaan achitti si sooraniif arraageyyii ajajeera.” 5Kanaafuu inni dhaqee waan Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Gara Laga Keriit kan gara baʼa Yordaanositti argamu sanaas deemee achi jiraate. 6Arraageyyiinis ganama ganama buddeenaa fi foon, galgala galgalas buddeenaa fi foon fidaafii turan; innis bishaan Laga sanaa dhuga ture.Haadha Hiyyeessaa Kan Saraaptaa Jiraattu
7Yeroo gabaabaa booddee sababii biyya sana keessa roobni hin jiraatiniif lagichis ni goge. 8Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe; 9“Dafii gara Saraaphtaa Siidoonaa keessatti argamtu sanaa dhaqiitii achi jiraadhu. Ani akka isheen waan ati nyaattu siif kennituuf haadha hiyyeessaa tokko achitti ajajeeraa.” 10Kanaafuu inni kaʼee Saraaphtaa dhaqe. Yommuu inni karra magaalaa sanaa bira gaʼetti haati hiyyeessaa tokko qoraan funaannachaa turte. Innis ishee waamee, “Maaloo akka ani dhuguuf bishaan xinnoo naa fidi” jedheen. 11Akkuma isheen bishaan fiduuf deemuu jalqabdeenis ishee waamee, “Maaloo buddeena xinnaa isaa illee naa fidi” jedheen. 12Isheen immoo akkana jettee deebifte; “Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, ani daakuu konyee tokkittii okkotee keessa jirtuu fi zayitii xinnoo kubbaayyaa keessa jirtu tokko malee buddeena tokko illee hin qabu. Ani akka nu nyaannee duunuuf manatti galee ofii kootii fi ilma kootiif nyaata qopheessuuf jedhee qoraan funaannachaan jira.” 13Eeliyaasis akkana jedhee deebiseef; “Hin sodaatin. Galiitii akkuma jette sana godhi. Jalqabatti garuu waanuma qabdu sana irraa Maxinoo xinnaa isaa tolchii naa fidi; ergasii immoo ofii keetii fi mucaa keetiif qopheessi. 14Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Hamma guyyaa Waaqayyo lafa irratti bokkaa roobsuutti daakuun okkotee keessaa hin dhumu; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumu.’ ” 15Isheenis dhaqxee akkuma Eeliyaas jedheen sana goote. Kanaafuu Eeliyaas, dubartiin sunii fi maatiin ishee guyyaa baayʼee nyaatan. 16Akkuma dubbii Waaqayyoo kan inni karaa Eeliyaasiin dubbate sanaatti daakuun okkotee keessaa hin dhumne; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumne. 17Ergasiis ilmi haadha mana sanaa ni dhukkubsate. Dhukkubni isaas ittuma jabaachaa deemee dhuma irratti hafuura baafachuu dadhabe. 18Isheenis Eeliyaasiin, “Yaa nama Waaqaa, ati hammina maalii narraa qabda? Ati waaʼee cubbuu koo na yaadachiiftee ilma koo ajjeesuuf dhuftee?” jette. 19Eeliyaas immoo, “Mee ilma kee natti kenni” jedheen. Innis harka isheetii fuudhee baatee kutaa manaa kan ol aanu iddoo ofii jiraatutti geessee siree isaa irra isa ciibse. 20Ergasii inni, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati akka mucaan ishee duʼu gochuudhaan haadha hiyyeessaa kan ani gargaarsa isheetiin jiraadhu kanatti illee rakkoo fiddee?” jedhee gara Waaqayyootti iyye. 21Innis yeroo sadii mucaa sana irratti diriiree, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, mucaa kana lubbuun isaa itti haa deebitu” jedhee gara Waaqayyootti iyye. 22 Waaqayyos iyya Eeliyaas ni dhagaʼe; lubbuun mucaa sanaas itti deebite; innis ni jiraate. 23Eeliyaasis mucaa sana baatee kutaa ol aanu sana keessaa gad buusee gara manaatti isa geesse. Haadha isaattis isa kennee, “Kunoo mucaan kee jira!” jedheen. 24Kana irratti dubartiin sun Eeliyaasiin, “Ani amma akka ati nama Waaqaa taatee fi akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan keetii baʼu dhugaa taʼe beekeera” jette.
Copyright information for
GazHAHl