‏ 1 Peter 5

Maanguddootaa fi Karra Hoolotaatiif

1Ani akka maanguddoo akkuma isaanii tokkootti, akka dhuga baatuu dhiphina Kiristoosii fi akka nama ulfina mulʼachuuf jiru sana keessatti qooda qabu tokkootti akkana jedhee maanguddoota isin gidduu jiran sana nan gorsa; 2karra hoolotaa Waaqaa kan tika keessan jala jiru eeguudhaan tiksoota taʼaa; kanas sababii dirqamtaniif utuu hin taʼin fedhiidhuma keessaniin akka Waaqni akka isin taatan barbaadutti, buʼaa nama qaanessu argachuuf utuu hin taʼin hawwii guddaa tajaajilaaf qabdaniin godhaa; 3karra hoolotaatiif fakkeenya taʼaa malee warra imaanaa isinitti kennaman sana humnaan hin bulchinaa. 4Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.

Dargaggootaaf

5Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma;
warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.”

6Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa. 7Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.

8Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Diiyaabiloos diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii. 9Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa.

10Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas. 11Bara baraa hamma bara baraatti humni isaaf haa taʼu. Ameen.

Dhaamsa Nagaa Xumuraa

12Anis isin jajjabeessuudhaaf, akka wanni kun ayyaana Waaqaa isa dhugaa taʼe sana dhugaa baʼuuf harka Silwaanos isa ani akka obboleessa amanamaatti hedu sanaatiin gabaabumatti barreessee isinii ergeera. Ayyaana kanaan jabaadhaa dhaabadhaa.

13Waldaan kiristaanaa isheen isin wajjin filatamtee Baabilon keessa jirtu sun nagaa isinii dhaamti; ilmi koo Maarqosis akkasuma nagaa isinii dhaama.

14Dhungoo jaalalaatiin nagaa wal gaafadhaa.

Isin warra kan Kiristoos taatan hundaaf nagaan haa taʼu.
Copyright information for GazHAHl