1 Samuel 23
Daawit Qeyiilaa Baraaruu Isaa
1Daawit yommuu, “Kunoo, Filisxeemonni Qeyiilaatti waraana bananii oobdii saamaa jiru” jedhanii itti himanitti, 2“Ani dhaqee Filisxeemota kanneen waraanuu?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Dhaqii Filisxeemota waraaniitii Qeyiilaa baraar” jedhee deebiseef. 3Namoonni Daawit garuu, “Nu as Yihuudaa keessatti iyyuu sodaachaa jirra. Yoo loltoota Filisxeemotaa waraanuuf Qeyiilaa dhaqne immoo hammam haa sodaannu!” jedhaniin. 4Daawit ammas deebiʼee Waaqayyoon gaafate; Waaqayyos, “Qeyiilaatti gad buʼi; ani Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef. 5Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa Qeyiilaa dhaqanii Filisxeemota waraananii horii isaanii boojiʼan. Daawitis miidhaa guddaa Filisxeemotatti fidee akkasiin saba Qeyiilaa baraare. 6Abiyaataar ilmi Ahiimelek sunis yeroo gara Qeyiilaa gara Daawititti baqatetti dirata fudhatee dhufe.Saaʼol Daawitin Ariʼe
7Akka Daawit Qeyiilaa dhaqe Saaʼolitti himan; innis, “Waan Daawit magaalaa karraa fi danqaraa qabdu keessa seenuudhaan ofitti cufeef Waaqni isa dabarsee natti kenneera” jedhe. 8Saaʼolis akka isaan Qeyiilaatti gad buʼanii Daawitii fi namoota isaa marsaniif jedhee loltoota isaa hunda duulaaf walitti waammate. 9Daawitis yeroo akka Saaʼol hammina isatti yaade beeketti Abiyaataar lubichaan, “Dirata sana as fidi” jedhe. 10Ergasiis Daawit akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel akka Saaʼol gara Qeyiilaa dhufee sababii kootiif jedhee magaalattii barbadeessuuf karoorfate garbichi kee dhugumaan dhagaʼeera. 11Jiraattonni Qeyiilaa isatti dabarsanii na kennuu? Akkuma garbichi kee dhagaʼe sana Saaʼol ni dhufaa? Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel mee garbicha keetti himi.” Waaqayyos, “Eeyyee inni ni dhufa” jedhe. 12Daawit ammas, “Jiraattonni Qeyiilaa anaa fi namoota koo dabarsanii Saaʼolitti ni kennuu?” jedhee gaafate. Waaqayyos, “Eeyyee isin kennu” jedhe. 13Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa kanneen gara dhibba jaʼa taʼan Qeyiilaadhaa kaʼanii gara dhaquu dandaʼan hunda dhaqan. Saaʼolis yommuu akka Daawit Qeyiilaa keessaa baqate dhagaʼetti achi hin dhaqne. 14Daawitis daʼannoowwan gammoojjii keessaatii fi gaarran Gammoojjii Ziif keessa ture. Saaʼolis guyyuma guyyaan isa barbaadaa ture; Waaqni garuu dabarsee harka isaatti Daawitin hin kennine. 15Daawit utuu Gammoojjii Ziif keessa iddoo Hooreshaa jedhamu tokko jiruu akka Saaʼol isa ajjeesuuf dhufe beeke. 16Yoonaataan ilmi Saaʼolis Daawit bira Hooreshaa dhaqe; maqaa Waaqaatiinis isa jajjabeesse. 17Innis, “Hin sodaatin; abbaan koo Saaʼol harkumaanuu si hin tuqu. Ati mootii Israaʼel taata; ani immoo itti aanaa kee nan taʼa. Abbaan koo Saaʼol iyyuu waan kana ni beeka” jedheen. 18Isaan lamaanuu fuula Waaqayyoo duratti kakuu walii galan. Ergasii Yoonaataan mana ofii isaatti gale; Daawit immoo Hooreshaatti hafe. 19Namoonni Ziif gara Gibeʼaa gara Saaʼol dhaqanii akkana jedhan; “Daawit kibba Yasemooniin gaara Hakiilaa irra daʼannoowwan Hooreshaa keessa dhokatee gidduu keenya jira mitii? 20Yaa mootii, ati gaafa dhufuu feete kottu; nu isa dabarsinee sitti ni kennina.” 21Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Waan isin naa yaaddaniif Waaqayyo isin haa eebbisu. 22Dhaqaatii ittuma fufaa qophaaʼaa. Iddoo Daawit yeroo baayʼee dhaquu fi nama achitti isa argu illee hubadhaa. Akka inni nama daba hojjetu taʼe natti himaniiru. 23Iddoo inni itti dhokatu hundumaa barbaadaatii oduu mirkanaaʼaa fidaa kottaa. Ergasii ani isin wajjin nan deema; yoo inni naannoo sana jiraate ani kumaatama Yihuudaa hunda keessaa barbaadee isa nan arga.” 24Kanaafuu isaan kaʼanii Saaʼol dursanii Ziif dhaqan. Daawitii fi namoonni isaa gama kibba Yasemooniin Gammoojjii Maaʼoon kan Arabbaatti argamtu keessa turan. 25Saaʼolii fi namoonni isaa Daawitin barbaaduu jalqaban; Daawitis yommuu waan kana itti himanitti gara kattaatti gad buʼee Gammoojjii Maaʼoon keessa ture. Saaʼolis yeroo waan kana dhagaʼetti Daawitin ariʼuuf Gammoojjii Maaʼoon seene. 26Saaʼol gaara gubbaa karaa tokkoon deemaa ture; Daawitii fi namoonni isaa immoo Saaʼol duraa baqachuuf jedhanii ariifachaa tulluu sana irra karaa kaaniin deeman. Yeroo Saaʼolii fi namoonni isaa itti dhiʼaatanii Daawitii fi namoota isaa qabachuu gaʼanitti, 27ergamaan tokko gara Saaʼol dhufee, “Dafiitii kottu! Filisxeemonni biyyattii weeraranii jiruutii” jedhe. 28Saaʼolis Daawitin ariʼuu dhiisee Filisxeemotatti gara gale. Kanaafuu iddoon sun, “Kattaa gargar baʼumsaa” jedhame. 29Daawitis achii deemee daʼannoowwan Een Gaadii keessa jiraate.
Copyright information for
GazHAHl