‏ 1 Samuel 26

Daawit Ammas Saaʼolin Ajjeesuu Irraa Of Qabe

1Namoonni Ziif gara Gibeʼaa Saaʼol bira dhaqanii, “Kunoo Daawit gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagaltu irra dhokatee jira mitii?” jedhan.

2Kanaafuu Saaʼol namoota Israaʼel keessaa filataman kuma sadii wajjin Daawitin barbaacha Gammoojjii Ziifitti gad buʼe. 3Saaʼol qubata isaa daandii gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagalu sana cina dhaabbate; Daawit garuu gammoojjii keessa ture. Innis yeroo akka Saaʼol isa duukaa buʼaa jiru beeketti, 4basaastota ergee akka Saaʼol dhugumaan achi gaʼe mirkaneeffate.

5Daawitis achii baʼee iddoo Saaʼol qubate dhaqe. Innis iddoo Saaʼolii fi Abneer ilmi Neer ajajaan loltootaa ciciisan arge. Saaʼol qubata keessa rafe; loltoonnis isa marsanii turan.

6Daawitis Ahiimelek namicha Heetii fi Abiishaayi ilma Zeruuyaa obboleessa Yooʼaabiin, “Eenyutu na wajjin gara qubata kanaa Saaʼolitti seena?” jedhee gaafate.

Abiishaayis, “Anatu si wajjin seena” jedhe.

7Kanaafuu Daawitii fi Abiishaayi halkaniin gara loltootaa dhaqan; Saaʼol eeboo isaa mataa isaa bira lafatti dhaabee qubata keessa rafaa ture. Abneerii fi loltoonni immoo isa marsanii ciciisaa turan.

8Abiishaayis Daawitiin, “Harʼa Waaqni diinota kee dabarsee harka keetti kenneera. Mee akka ani utuu itti hin deebiʼin yeruma tokkoon eeboo kootiin waraanee lafatti isa hodhu naa eeyyami; irra deebiʼee dhaʼuus na hin barbaachisu” jedhe.

9Daawit garuu Abiishaayiin akkana jedhe; “Isa hin ajjeesin! Namni nama Waaqayyo dibetti harka ol fudhatee yakka malee hafu jiraa? 10Dhugaa Waaqayyo jiraataa, Waaqayyo mataan isaa iyyuu isa ni galaafata yookaan inni yeroon isaa gaʼee ni duʼa yookaan duula dhaqee achitti ni duʼa. 11Garuu akka ani dibamaa Waaqayyootti harka koo ol hin kaafanne Waaqayyo na haa eegu; amma garuu eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.”

12Kanaafuu Daawit eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa Saaʼol bira ture sana fudhatee kaʼanii deeman. Namni waan kana arge yookaan beeke tokko iyyuu hin turre yookaan namni tokko iyyuu hin dammaqne. Sababii Waaqayyo hirriba cimaa isaanitti gad dhiiseef hundi isaanii rafanii turan.

13Ergasii Daawit gamatti ceʼee fagaatee fiixee gaara irra dhaabate; gidduu isaaniis lafa balʼaatu ture. 14Daawitis loltootaa fi Abneer ilma Neeriitiin, “Yaa Abneer, ati deebii naaf hin kennituu?” jedhee lallabe.

Abneeris deebisee, “Ati kan mootiitti iyyitu eenyu?” jedhe.

15Daawit akkana jedhe; “Abneer, ati jagna mitii? Israaʼel keessatti namni siin qixxaatu eenyu? Ati maaliif gooftaa kee mooticha sirriitti hin eegne? Kunoo namni tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee tureetii. 16Wanni ati goote gaarii miti. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, atii fi namoonni kee duʼuu qabdu; isin gooftaa keessan dibamaa Waaqayyoo sana hin eegneetii. Mee naannoo kee ilaali. Eeboo fi cuggeen bishaanii kan mataa mootichaa bira ture sun meerre?”

17Saaʼol sagalee Daawit beekee, “Yaa ilma koo Daawit, kun sagalee keetii?” jedhe.

Daawitis, “Eeyyee; sagalee koo ti; yaa gooftaa koo mootii” jedhee deebise.
18Itti fufees akkana jedhe; “Gooftaan koo maaliif tajaajilaa isaa ariʼa? Ani maalin godhe? Ani yakka maalin qaba? 19Egaa mee gooftaan koo mootichi dubbii tajaajilaa isaa haa dhagaʼu. Yoo Waaqayyo natti si kakaasee jiraate inni aarsaa haa fudhatu. Garuu namoonni yoo waan kana godhanii jiraatan fuula Waaqayyoo duratti haa abaaraman! Isaan akka ani dhaala Waaqayyoo keessaa qooda hin qabaanneef na ariʼanii, ‘Dhaqiitii waaqota biraa tajaajili’ jedhan. 20Dhiigni koo fuula Waaqayyoo duraa fagaatee akka lafatti dhangalaʼu hin godhin. Akkuma namni tokko gaara gubbaatti gogorrii adamsu sana mootiin Israaʼel tafkii barbaaduu baʼeera.”

21Saaʼolis, “Ani yakka hojjedheera. Yaa ilma koo Daawit kottuu deebiʼi. Sababii harʼa lubbuun koo fuula kee duratti ulfina argatteef ani lammata si miidhuu hin yaalu. Ani dhugumaan hojii gowwummaa hojjedheera; guddaas dogoggoreera jedhe.”

22Daawitis akkana jedhee deebise; “Eeboon mootichaa kunoo ti; dargaggoota kee keessaa namni tokko dhufee haa fuudhu. 23Waaqayyo nama hundaaf qajeelummaa isaatii fi amanamummaa isaatiif gatii ni kenna. Waaqayyo harʼa dabarsee harka kootti si kennee ture; ani garuu dibamaa Waaqayyootti harka ol hin fudhadhu. 24Akkuma ani harʼa lubbuu kee ulfeesse kana, Waaqayyos lubbuu koo ulfeessee rakkina hunda jalaa na haa baasu.”

25Kana irratti Saaʼol Daawitiin, “Yaa ilma koo Daawit eebbifami; ati waan guddaa hojjetta; dhugumaanis ni moʼatta” jedhe.

Kanaafuu Daawit karaa isaa itti fufe; Saaʼolis gara manaatti deebiʼe.
Copyright information for GazHAHl