1 Thessalonians 4
Waaqa Gammachiisuuf Jiraachuu
1Kana malees yaa obboloota, Waaqa gammachiisuuf akkamitti akka jiraachuu qabdan nu isin barsiifneerra; isinis akkuma sanatti jiraachaa jirtu. Ammas akka ittuma caalchiftanii waan kana gootan Gooftaa Yesuusiin isin kadhanna; isin gorsinas. 2Nu taayitaa Gooftaa Yesuusiin ajaja maalii akka isinii kennine beektuutii. 3Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif; 4tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu; 5kunis akka ormoota Waaqa hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin; 6waan kanaanis namni tokko iyyuu obboleessa isaa hin miidhin yookaan hin gowwoomsin. Akkuma nu kanaan dura isinitti himnee isin akeekkachiifne sana, Gooftaan warra cubbuu akkasii hojjetan hunda haaloo baʼa. 7Waaqni akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf malee akka xuroofnuuf nu hin waamneetii. 8Kanaafuu namni gorsa kana tuffatu Waaqa Hafuura isaa Qulqulluu isinii kennu sana tuffata malee nama hin tuffatu. 9Egaa waan Waaqni akka isin wal jaallattan isin barsiiseef waaʼee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu. 10Dhugumaan isin obboloota guutummaa Maqedooniyaa keessa jiran hunda ni jaallattu. Yaa obboloota, nu garuu akka kana caalaa isaan jaallattan isin gorsina; 11akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa; 12kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.Amantoota Warra Lubbuun Hin jirre
13Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu. 14Nu erga akka Yesuus duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Waaqni warra Yesuusitti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna. 15Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu. 16Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. 17Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna. 18Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.
Copyright information for
GazHAHl