‏ 1 Timothy 3

Ulaagaa Phaaphaasotaa fi Daaqonootaa

1Jechi, “Eenyu iyyuu yoo Phaaphaasii taʼuu hawwe, hojii gaarii hawwa” jedhu kun amanamaa dha. 2Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu, 3kan hin machoofne, kan goolii kaasu utuu hin taʼin obsa qabeessa, kan lola hin jaallannee fi kan maallaqa hin jaallanne taʼuu qaba. 4Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba. 5Namni tokko yoo maatii ofii isaa akka itti bulfatu hin beekne inni akkamitti waldaa kiristaanaa Waaqaa eeguu dandaʼaa? 6Inni akka of jajuudhaan afuufamee murtii diiyaabiloos keessatti hin kufneef nama dhiʼoo amane hin taʼin. 7Innis akka hin tuffatamnee fi akka kiyyoo diiyaabiloos keessattis hin kufneef warra alaa biratti maqaa gaarii haa qabaatu.

8Daaqonoonnis akkasuma namoota kabajaman, warra afaan lama hin dubbanne, warra dhugaatii daadhii wayiniitiin hin fudhatamnee fi warra buʼaa hin malle argachuuf hin tattaaffanne taʼuu qabu. 9Yaada qulqulluunis icciitii amantii jabeessanii qabachuu qabu. 10Isaanis duraan dursanii haa qorataman; ergasiis yoo mudaan tokko iyyuu isaan irratti hin argamin daaqonoota taʼanii haa tajaajilan.

11Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu.

12Daaqoniin tokko dhirsa niitii tokkittii, kan ijoollee isaatii fi warra mana isaa jiraatan sirriitti bulchu taʼuu qaba. 13Warri daaqonummaan sirriitti tajaajilan ulfina guddaa, amantii Kiristoos Yesuusitti qabaniin immoo ija jabina guddaa argatu.

Sababii Phaawulos Qajeelcha Kennuuf

14Ani akkan dafee gara kee dhufu abdadhee qajeelfama kana siif nan barreessa; 15kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Waaqaa keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Waaqaa kunis waldaa Waaqa jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha. 16Waaqatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis, Inni fooniin mulʼate;
Hafuuraan mirkaneeffame;
ergamoota Waaqaatu isa arge;
saboota keessatti lallabame;
addunyaa irratti itti amaname;
ulfinaan ol fudhatame.
Copyright information for GazHAHl