2 Chronicles 28
Aahaaz Mooticha Yihuudaa
28:1‑27 kwf – 2Mt 16:1‑20
1Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hin hojjenne. 2Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee Baʼaalin waaqeffachuuf jedhees waaqota tolfamoo baqsee ni tolche. 3Inni gochawwan jibbisiisoo saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan Sulula Ben Hinoom keessatti ixaana ni aarse; ilmaan isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube. 4Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse. 5Kanaafuu Waaqayyo Waaqni isaa dabarsee harka mootii Sooriyaatti isa kenne. Warri Sooriyaas isa moʼatanii namoota isaa hedduus boojiʼanii Damaasqootti geessan. Achii immoo inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; mootichis miidhaa guddaa isa irraan ni gaʼe. 6Sababii sabni Yihuudaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiiseef Pheqaan ilmi Remaaliyaa guyyaa tokkotti loltoota Yihuudaa kuma dhibba tokkoo fi digdama ni fixe. 7Zikriin loltuun jabaan gosa Efreem sun immoo Maʼaseyaa ilma mootichaa, Azriiqaam ajajaa masaraa mootummaa fi Elqaanaa itti aanaa mootichaa ni ajjeese. 8Israaʼeloonni firootuma isaanii irraa niitota, ilmaanii fi intallan kuma dhibba lama ni boojiʼan. Akkasumas boojuu akka malee baayʼee fudhatanii Samaariyaatti ni deebiʼan. 9Garuu raajiin Waaqayyoo kan Oodeed jedhamu tokko achi ture; innis yeroo loltoonni Samaariyaadhaa deebiʼanitti isaan simachuuf ni baʼe. Innis akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii waan Yihuudaatti aareef dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Isin garuu dheekkamsa hamma samiitti ol fagaatuun isaan ni fixxan. 10Ammas dhiirotaa fi dubartoota Yihuudaa fi Yerusaalem garboota keessan gochuu ni yaaddan. Isin mataan keessan iyyuu fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti cubbuu hin hojjennee ree? 11Mee na dhagaʼaa! Sababii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼeef namoota biyya keessanii kanneen boojitanii fiddan sana deebisaa.” 12Ergasiis hangafoota namoota Efreem keessaa tokko tokko jechuunis Azaariyaa ilmi Yehohaanaan, Berekiyaan ilmi Meshileemoot, Yehiizqiiyaa ilmi Shaluumii fi Amaasaayi ilmi Hadilaay warra duulaa galaa jiran mormuudhaan 13akkana jedhan; “Isin boojiʼamtoota kanneen as fiduu hin qabdan; yoo kanaa achii nu fuula Waaqayyoo duratti cubbamoota ni taana. Isin amma illee cubbuu fi balleessaa keenya ittuma dabaluu feetuu? Yakki keenya duraanuu baayʼateera; dheekkamsi isaa Israaʼelitti bobaʼeeraatii.” 14Kanaafuu loltoonni fuula qondaaltotaatii fi yaaʼii guutuu duratti boojiʼamtootaa fi boojuu gad dhiisan. 15Namoonni maqaan isaanii eerames loltoota harka boojiʼamtoota ni fuudhan; waan boojiʼame irraas warra qullaa jiran hundatti wayyaa ni uffisan. Isaanis uffataa fi kophee, waan nyaatamuu fi waan dhugamu illee ni kennaniif; dibatas isaan diban. Warra dadhaban hunda immoo harree irra teessisanii biyya firoonni isaanii jiran Magaalaa Meexxii sanatti gara Yerikootti isaan deebisanii ofii immoo Samaariyaatti ni dachaʼan. 16Yeroo sanatti Aahaaz Mootichi gargaaraa argachuuf gara mootii Asooritti nama ergate. 17Edoomonni ammas dhufanii Yihuudaatti balaa buusanii boojiʼamtoota fudhatanii deemanii turaniitii; 18Filisxeemonni immoo magaalaawwan gaarran jalaa fi kanneen gama kibba Yihuudaatti argaman weeraranii Beet Shemeshi, Ayaaloon, Gedeerooti, Sookoo, Tiimnaahi, Gimzoo fi gandoota naannoo isaanitti argaman qabatanii keessa ni qubatan. 19Sababii Aahaaz mootichi Israaʼel saba Yihuudaa cubbuuf kakaasee ofii immoo Waaqayyoof amanamuu dideef Waaqayyo Yihuudaa ni salphise. 20Tiiglaat-Philneeser mootichi Asoor gara isaa dhufee ture; taʼus inni qooda isa gargaaru rakkina isatti fide. 21Aahaaz mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa, masaraa mootii fi mana ilmaan mootiitii waan tokko tokko fuudhee mootii Asooriif kennaa godhee ni dhiʼeesse; taʼus kunis isa hin gargaarre. 22Aahaaz Mootichi yeroo rakkina isaa keessa illee ittuma caalchisee Waaqayyoof amanamuu ni dide. 23Innis waaqota Damaasqoo kanneen isa moʼataniif aarsaa ni dhiʼeesse; “Waaqonni mootota Sooriyaa sababii isaan gargaaraniif akka isaan ana illee gargaaraniif ani aarsaa nan dhiʼeessaaf” jedhee yaadee tureetii. Isaan garuu kufaatii isaa fi kufaatii Israaʼel hundaa ni fidan. 24Aahaaz miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa walitti qabee fudhatee deeme. Balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoos cufee golee daandiiwwan Yerusaalem hunda irratti iddoowwan aarsaa ni dhaabe. 25Magaalaa Yihuudaa hunda keessattis waaqota biraaf ixaana aarsuuf iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaree Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dheekkamsaaf ni kakaase. 26Wantoonni bara mootummaa isaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa fi akki inni itti jiraate hundi kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru. 27Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa Yerusaalem keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala mootota Israaʼel keessa hin kaaʼamne. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for
GazHAHl