‏ 2 Chronicles 22:1-6

Ahaaziyaa Mooticha Yihuudaa

22:1‑6 kwf – 2Mt 8:25‑29

22:7‑9 kwf – 2Mt 9:21‑29

1Sababii Saamtonni Araboota wajjin qubata loltootaa seenan sun ilmaan isaa hangafoota hunda fixaniif namoonni Yerusaalem Ahaaziyaa ilma Yehooraam sana iddoo isaa buusanii mootii godhan. Kanaafuu Ahaaziyaa ilmi Yehooraam mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu ni jalqabe.

2Ahaaziyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii turte.

3Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe. 4Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. 5Inni yeroo Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel wajjin Raamooti Giliʼaaditti Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf duuletti gorsuma isaanii duukaa buʼe. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan; 6kanaafuu inni madaa isaan yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe.

Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yehooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.
Copyright information for GazHAHl