‏ 2 Chronicles 22:7-9

7Sababii inni Yehooraamin gaafachuu dhaqeef Waaqni Ahaaziyaatti badiisa fide. Ahaaziyaan yommuu achi gaʼetti Yehuu ilma Nimshii sana simachuuf Yooraam wajjin gad baʼe. Yehuun immoo nama Waaqayyo akka inni mana Ahaab balleessuuf dibee dha. 8Yehuun utuu mana Ahaabitti muraa jiruu qondaaltota Yihuudaa fi ilmaan firoota Ahaaziyaa kanneen Ahaaziyaa tajaajilaa turan argee isaan ni galaafate. 9Ergasii immoo inni Ahaaziyaa barbaacha ni deeme; namoonni Yehuus Samaariyaadhaa iddoo inni itti dhokatee turee qabanii Yehuutti fidanii isa ni ajjeesan. Isaanis, “Inni ilma Yehooshaafaax namicha garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaade sanaa ti” jedhanii isa ni awwaalan. Kanaafuu mana Ahaaziyaa keessaa namni aangoo mootummaa qabachuu dandaʼu tokko illee hin turre.
Copyright information for GazHAHl