2 Chronicles 24
Yooʼaash Mana Qulqullummaa Haaromsuu Isaa
24:1‑14 kwf – 2Mt 12:1‑16
24:23‑27 kwf – 2Mt 12:17‑21
1Yooʼaash yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte. 2Yooʼaash bara Yehooyaadaa lubichaa hunda keessa waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete. 3Yehooyaadaan niitota lama isaaf file; innis ilmaanii fi intallan ni dhalche. 4Yeroo xinnoo booddees Yooʼaash mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuuf murteesse. 5Innis lubootaa fi Lewwota walitti waamee, “Gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqaatii maallaqa waggaa waggaadhaan mana qulqullummaa Waaqa keessanii haaromsuuf oolu Israaʼeloota hunda irraa walitti qabaa. Kanas ammuma godhaa” isaaniin jedhe. Lewwonni garuu dafanii hin goone. 6Kanaafuu mootichi Yehooyaadaa lubicha hangafticha waamee, “Ati maaliif akka Lewwonni gibira Museen garbichi Waaqayyoo fi yaaʼiin Israaʼel akka dunkaana dhuga baʼumsaatiif baafamu murteessan sana Yihuudaa fi Yerusaalem irraa walitti qaban hin godhin?” jedheen. 7Yeroo sana ilmaan Ataaliyaa dubartittii hamtuu sanaa mana qulqullummaa Waaqaa cabsanii seenanii miʼoota qulqulleeffaman illee Baʼaalin tajaajiluuf itti ni fayyadaman. 8Kanaafuu mootichi akka isaan sanduuqa maallaqni itti walitti qabamu hojjetanii karaa alaatiin balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo bira kaaʼan ni ajaje. 9Akka isaan qaraxa Museen garbichi Waaqaa sun yeroo gammoojjii keessa turanitti Israaʼeloota ajaje sana Waaqayyoof fidaniif Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin tokko ni baʼe. 10Qondaaltonni hundii fi sabni hundi buusii isaanii gammachuudhaan fidanii hamma inni guututti sanduuqicha keessa ni buusan. 11Yommuu sanduuqichi Lewwotaan gara qondaaltota mootiitti fidamee qondaaltonni sun akka maallaqni baayʼeen isa keessa jiru arganitti barreessaan mootichaa fi ajajaan lubicha hangafaa dhufanii maallaqa sana sanduuqa keessaa garagalchanii sanduuqicha iddoo isaatti deebisu ture. Isaanis guyyuma guyyaan akkas godhanii maallaqa akka malee baayʼee walitti ni qaban. 12Mootichii fi Yehooyaadaanis maallaqa sana warra mana qulqullummaa Waaqayyoo hojjechiisuuf itti gaafatamummaa fudhatanitti ni kennan. Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf namoota dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaa, akkasumas mana qulqullummaa haaromsuudhaaf hojjettoota sibiilaa fi naasii ittiin ni qaxaran. 13Hojjettoonni qaxaraman waan jabaatanii hojjetaniif hojiin sun isaaniif ni milkaaʼe. Mana qulqullummaa Waaqaas akkuma duraan turetti deebisanii ni haaromsan; ni jabeessanis. 14Erga fixanii booddees maallaqa hafe fidanii mootichaa fi Yehooyaadaatti ni kennan; maallaqa sanaanis miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo jechuunis miʼoota tajaajilaa fi kan aarsaan gubamu ittiin dhiʼeeffamu akkasumas caabiiwwan, miʼoota warqee fi meetii ittiin ni hojjetan. Isaanis bara Yehooyaadaa keessa utuu gargar hin kutin mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti aarsaa gubamu dhiʼeessaa turan. 15Yehooyaadaanis bara dheeraa jiraatee dulloomee waggaa dhibba tokkoo fi soddomatti ni duʼe. 16Innis sababii Israaʼel keessatti Waaqaa fi mana qulqullummaa isaatiif waan gaarii hojjeteef Magaalaa Daawit keessatti mootota biratti ni awwaalame.Hammina Yooʼaash
17Erga Yehooyaadaan duʼee booddee qondaaltonni Yihuudaa dhufanii amanamummaa mootichaaf qaban ni ibsan; innis isaan dhaggeeffate. 18Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo Waaqa abbootii isaanii dhiisanii siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo ni waaqeffatan. Sababii balleessaa isaaniifis dheekkamsi Waaqaa Yihuudaa fi Yerusaalemitti ni dhufe. 19Akka isaan gara isaatti saba deebisaniif Waaqayyo raajota isaanitti erge; raajonnis isaanitti rageessan; isaan garuu dhagaʼuu hin barbaanne. 20Ergasiis Hafuurri Waaqaa Zakkaariyaas ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, “Waaqni akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja Waaqayyoo eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin Waaqayyoon dhiiftaniif innis isin dhiiseera’ ” jedheen. 21Isaan garuu isatti mariʼatanii ajaja mootichaatiin oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhagaadhaan tumanii isa ni ajjeesan. 22Yooʼaash mootichi arjummaa Yehooyaadaan abbaan Zakkaariyaas isaaf godhe sana hin yaadanne; qooda kanaa inni ilma isaa ni ajjeese; innis yeroo duʼutti, “Waaqayyo waan kana haa argu; haaloos haa baʼu” jedhe. 23Dhuma waggaa sanaattis loltoonni Sooriyaa Yooʼaashitti ni duulan; Yihuudaa fi Yerusaalem qabatanii hooggantoota sabaa hunda ni fixan. Isaanis waan boojiʼan hunda gara Damaasqootti mootii isaaniitti ni ergan. 24Loltoonni Sooriyaa namoota xinnoo qabatanii dhufan illee Waaqayyo loltoota akka malee baayʼee harka isaaniitti dabarsee ni kenne. Sababii Yihuudoonni Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii dhiisaniif Yooʼaashitti murtiin murame. 25Warri Sooriyaa yommuu baʼanitti Yooʼaashin akka malee madeessanii ni deeman. Qondaaltonni isaas sababii inni ilma Yehooyaadaa lubichaa ajjeeseef isatti mariʼatanii siree isaa irratti isa ajjeesan. Kanaafuu inni duʼee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne. 26Warri isatti mariʼatanis Zaabaad ilma Shimeʼaati dubartii Amoon sanaa fi Yehoozaabaad ilma Shimriiti dubartii Moʼaab sanaa turan. 27Seenaan ilmaan isaa, raajiiwwan waaʼee isaa dubbataman hedduunii fi seenaan haaromfamuu mana qulqullummaa Waaqaa kitaaba seenaa moototaa keessatti barreeffameera. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for
GazHAHl