‏ 2 Chronicles 25:1-4

Amasiyaa Mooticha Yihuudaa

25:1‑4 kwf – 2Mt 14:1‑6

25:11‑12 kwf – 2Mt 14:7

25:17‑28 kwf – 2Mt 14:8‑20

1Amasiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa, Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte. 2Innis waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe ni hojjete; garuu garaa guutuudhaan miti. 3Inni erga jabeessee toʼannaa isaa jalatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe. 4Taʼus inni akka waan Seera keessatti, Kitaaba Musee keessatti kan Waaqayyo, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa” jedhee ajaje sanaatti tarkaanfii fudhate malee ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin fixne.
Copyright information for GazHAHl