‏ 2 Chronicles 26:1-4

Uziyaan Mooticha Yihuudaa

26:1‑4 kwf – 2Mt 14:21‑22; 15:1‑3

26:21‑23 kwf – 2Mt 15:5‑7

1Ergasii namoonni Yihuudaa hundi Uziyaan nama waggaa kudha jaʼa sana fuudhanii iddoo abbaa isaa iddoo Amasiyaa buusanii mootii ni godhan. 2Erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee namni Eelootin deebisee ijaaree gara Yihuudaatti deebisee Uziyaan ture.

3Uziyaan yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche; maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte. 4Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
Copyright information for GazHAHl