‏ 2 Chronicles 27:1-4

Yootaam Mooticha Yihuudaa

27:1‑4,7‑9 kwf – 2Mt 15:33‑38

1Yootaam yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. 2Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; inni garuu akka abbaa isaa mana qulqullummaa Waaqayyoo hin seenne. Taʼus namoonni cubbuu hojjechuu ittuma fufan. 3Yootaam Karra mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Ol aanu deebisee ijaare; dallaa dhagaa kan gaara Oofeel irrattis hojiiwwan ijaarsaa baayʼee ni hojjete. 4Gaarran Yihuudaa irratti magaalaawwan, bosona keessatti immoo daʼannoowwanii fi gamoowwan ni ijaare.
Copyright information for GazHAHl