‏ 2 Chronicles 31:1

1Yommuu wanni kun hundi xumurametti Israaʼeloonni achi turan gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqanii dhagaawwan waaqeffannaa caccabsan; siidaawwan Aasheeraa ni kukkutan. Iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa kanneen Yihuudaa, Beniyaam, Efreemii fi Minaasee keessa turan hunda ni balleessan. Israaʼeloonnis erga waan kana hunda balleessanii booddee gara magaalaawwanii fi qabeenya isaaniitti deebiʼan.
Copyright information for GazHAHl