2 Chronicles 34
Geeddarama Yosiyaas Fide
34:1‑2 kwf – 2Mt 22:1‑2
34:3‑7 kwi – 2Mt 23:4‑20
34:8‑13 kwf – 2Mt 22:3‑7
1Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. 2Inni fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme. 3Inni mootii taʼee waggaa saddeettaffaatti utuma umurii dargaggummaa keessa jiruu Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaduu jalqabe. Waggaa kudha lammaffaatti immoo Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan baqfamanii tolfaman ni balleesse. 4Qajeelfama isaatiinis iddoowwan aarsaa Baʼaal diigaman; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen achi irra turan caccabsee siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan hurreesse. Wantoota kanneenis daakee bulleessee awwaala warra isaaniif aarsaa dhiʼeessaa turanii irratti bittinneesse. 5Lafee lubootaas iddoowwan aarsaa isaanii irratti guggube. Haala kanaanis Yihuudaa fi Yerusaalemin qulqulleesse. 6Magaalaawwan Minaasee, kan Efreemii fi Simiʼoon kanneen hamma Niftaalemitti jiranii fi akkasumas diigamaa naannoowwan isaanii keessatti 7iddoowwan aarsaa fi siidaawwan Aasheeraa ni jijjigse; waaqota tolfamoo daaraa godhe; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen guutummaa Israaʼel keessa jiran hundas ni caccabse. Ergasiis Yerusaalemitti deebiʼe. 8Yosiyaas mootii taʼee waggaa kudha saddeettaffaatti erga biyyattii fi mana qulqullummaa qulqulleessee booddee mana Waaqayyo Waaqa isaa haaromsuuf Shaafaan ilma Azaliyaa, Maʼaseyaa bulchaa magaalaa fi Yooʼaa ilma Yooʼaahaaz galmeessaa sana erge. 9Isaanis gara Hilqiyaa lubicha ol aanaa dhaqanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqaatiif fidame sana itti kennan; maallaqa kanas Lewwota balbala eegantu saboota Minaasee irraa, kan Efreem irraa, hambaawwan Israaʼel hunda irraa, saba Yihuudaa fi kan Beniyaam hunda irraa akkasumas jiraattota Yerusaalem irraa walitti qabe. 10Isaanis maallaqa sana namoota akka hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo toʼataniif muudamanitti imaanaa kennan. Namoonni kunneenis hojjettoota mana qulqullummaa haaromsanii akka duriitti deebisaniif ni kaffalu. 11Akkasumas akka isaan ijaarsa mootonni Yihuudaa akka diigamu godhan sanaaf dhagaa soofame, laaxaawwan, mukkeen sutaa fi dareeraawwan bitaniif ogeeyyii mukaa fi ijaartotatti maallaqa kennan. 12Namoonni sunis amanamummaadhaan hojicha hojjetan. Lewwota sanyii Meraarii keessaa Yahaatii fi Obaadiyaan akkasumas sanyii Qohaati keessaa Zakkaariyaasii fi Meshulaam akka jara sana hojjechiisaniif isaan irratti muudaman. Lewwonni meeshaa faarfannaa taphachuu beekan hundis 13itti gaafatamtoota hojjettoota hojii humnaa taʼanii hojjettoota hojii garaa garaa illee toʼachaa turan. Lewwonni tokko tokkos barreessitoota, qondaaltotaa fi eegdota balbalaa turan.Kitaabni Seeraa Argamuu Isaa
34:14‑28 kwf – 2Mt 22:8‑20
34:29‑32 kwf – 2Mt 23:1‑3
14Utuma isaan maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana baasaa jiranuu Hilqiyaa lubichi Kitaaba Seera Waaqayyoo kan karaa Museetiin kenname sana arge. 15Hilqiyaanis Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe; kitaabichas Shaafaanitti kenne. 16Shaafaanis kitaabicha fuudhee mootichatti geessee akkana jedhe; “Qondaaltonni kee waan ajajaman hunda hojjechaa jiru. 17Maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tures baasanii namoota hojii toʼatanii fi hojjettootatti imaanaa kennaniiru.” 18Kana irrattis Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise. 19Mootichis yommuu dubbii Seeraa sana dhagaʼetti uffata isaa tarsaase. 20Innis ajaja kana Hilqiyaatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Abdoon ilma Miikaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne: 21“Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, hambaawwan Israaʼel keessaatii fi Yihuudaatiif Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii Waaqayyoo hin eeginiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti dhangalaʼeera; isaan akka waan kitaaba kana keessatti barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.” 22Hilqiyaa fi warri mootichi isa wajjin erge sun gara Huldaanaa raajittii jechuunis niitii Shaluum ilma Toqeʼaati, ilma Hasraat kan eegduu mana uffataa turte sanatti himuu dhaqan. Isheenis Yerusaalem keessa aanaa lammaffaa keessa jiraatti turte. 23Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa; 24‘Waaqayyo akkana jedha: Ani iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa jechuunis abaarsa kitaaba fuula mootii Yihuudaa duratti dubbifame sana keessatti barreeffame hunda nan fida. 25Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’ 26Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa akkana jedha: 27Sababii ati yeroo waan inni waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa waan hamaa dubbate dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqaa duratti gad of qabdeef, sababii ati fuula koo duratti gad of qabdee, uffata kee tarsaaftee boosseef ani si dhagaʼeera, jedha Waaqayyo. 28Ani amma abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’ ” Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan. 29Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame. 30Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi Lewwota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef. 31Mootichis utubaa isaa bira dhaabatee akka Waaqayyoon duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee, dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffamaniifis akka ajajamu fuula Waaqayyoo duratti kakuu ni haaromse. 32Ergasiis akka namni Yerusaalemii fi Beniyaam keessa jiraatu hundi kakuu galu ni godhe; namoonni Yerusaalemis akkuma kakuu Waaqaa jechuunis Waaqa abbootii isaaniitti waan kana ni godhan. 33Yosiyaasis guutummaa biyya Israaʼel keessaa waaqota jibbisiisoo ni balleesse; akka warri Israaʼel keessa jiran hundinuus Waaqayyo Waaqa isaanii waaqeffatan ni godhe. Isaan hamma inni lubbuun jiraatetti Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii duukaa buʼuu irraa duubatti hin deebine.
Copyright information for
GazHAHl