‏ 2 Chronicles 36:11-16

Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa

36:11‑16 kwf – 2Mt 24:18‑20; Erm 52:1‑3

11Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. 12Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa ni hojjete; fuula Ermiyaas raajicha dubbii Waaqayyoo isatti dubbate sanaa durattis gad of hin qabne. 13Akkasumas Nebukadnezar Mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiisee turetti illee ni fincile. Inni mataa jabaatee gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼuu ni dide. 14Kana malees dura buutonni lubootaa hundii fi uummanni wantoota jibbisiisoo saboota kaanii hunda duukaa buʼuu fi mana qulqullummaa Waaqayyoo kan inni Yerusaalem keessatti qulqulleesse sana xureessuudhaan ittuma caalchisanii amanamummaa dhaban.

Kufaatii Yerusaalem

36:17‑20 kwf – 2Mt 25:1‑21; Erm 52:4‑27

36:22‑23 kwf – Izr 1:1‑3

15 Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii waan saba isaa fi iddoo jireenya isaaf garaa laafeef karaa ergamoota isaatiin ammumaa amma ergaa itti erge. 16Isaan garuu ergamoota Waaqaatti qoosan; dubbii isaas tuffatanii raajota isaa xinneessan. Kanaanis dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni buʼe; wanni isa qabbaneessus hin argamne.
Copyright information for GazHAHl