2 Chronicles 36:9-10
Yehooyaakiin Mooticha Yihuudaa
36:9‑10 kwf – 2Mt 24:8‑17
9Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi bultii kudhan bulche. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete. 10Birraa keessas Nebukadnezar Mootichi nama itti ergee miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen gatii guddaa qaban wajjin gara Baabilon isa fichisiise; Zedeqiyaa obboleessa abbaa Yehooyaakiin sana immoo Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
Copyright information for
GazHAHl