‏ 2 Chronicles 5:13-14

13Warri malakata afuufanii fi faarfattoonni Waaqayyoon leellisuu fi galateeffachuudhaaf jedhanii akkuma nama tokkootti walii galanii sagalee isaanii tokko godhatan. Isaanis malakatatti, kilillee fi miʼoota faarfannaa biraatti fayyadamanii sagalee isaanii ol fudhatanii Waaqayyoon galateeffachuudhaan: “Inni gaarii dha;
jaalalli isaas bara baraan ni jiraata”

jedhanii faarfatan.

Ergasiis manni qulqullummaa Waaqayyoo duumessaan ni guutame;
14luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa Waaqaa guutee tureetii.
Copyright information for GazHAHl