‏ 2 Chronicles 8

Hojiiwwan Biraa Kanneen Solomoon Hojjete

8:1‑18 kwf – 1Mt 9:10‑28

1Dhuma waggaa digdamaatti yeroo itti Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi mana ofii isaa ijaaretti, 2Solomoon gandoota Huuraam isaaf kennee ture sana haaromsee ijaaree Israaʼeloota achi keessa ni qubachiise. 3Ergasii immoo Solomoon Hamaati Zoobaatti duulee ishee ni qabate. 4Akkasumas gammoojjii keessatti Tadmoorii fi magaalaawwan waa itti kuusan kanneen duraan Hamaatitti ijaaree ture hunda ni ijaare. 5Beet Horoon oliitii fi Beet Horoon gadii magaalaawwan daʼannoo godhee dallaa dhagaa, balbalawwanii fi danqaraawwan ittiin cufan itti tolche; 6kana malees Baaʼilaatii fi magaalaawwan isaa kanneen waa itti kuusan hunda, magaalaawwan gaariiwwan isaatii fi magaalaawwan fardeen isaa hunda, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare.

7Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin jechuunis Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira. 8Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni hin barbadeessin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise. 9Solomoon garuu hojii isaatiif jedhee Israaʼeloota hin garboomsine; isaan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaa turan. 10Isaan akkasumas qondaaltota Solomoon Mootichaa kanneen nama hojjechiisan dhibba lamaa fi shantaman keessaa qondaaltota hangafoota turan.

11Solomoonis, “Sababii iddoon taabonni Waaqayyoo seene hundi qulqulluu taʼeef, niitiin koo masaraa mootummaa Daawit Mooticha Israaʼel keessa jiraachuu hin qabdu” jedhee intala Faraʼoon sana magaalaa Daawit keessaa baasee gara mana isheef ijaare sanaatti ni fide.

12Solomoon iddoo aarsaa kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo duratti ijaare sana irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof ni dhiʼeesse; 13kanas akkuma seera waaʼee aarsaa kan guyyaa guyyaa kan Museen Sanbataaf, Ayyaana Baatii Haaraa fi ayyaanota waggaa keessaa sadaniif jechuunis Ayyaana Maxinoo, Ayyaana Torbanootaa fi Ayyaana Daasiif kenne sanaatti ni dhiʼeesse. 14Innis akkuma seera abbaa isaa Daawititti gareewwan lubootaa hojii isaaniitti, Lewwota immoo akka isaan akkuma seera guyyaa guyyaatti tajaajila galataa kennanii fi akka isaan hojii lubootaa gargaaraniif filate. Akkasumas tokkoo tokkoo karraatti garee eegdota karraa ni ramade; Daawit namni Waaqaa sun waan kana ajajeetii. 15Isaanis waan mootichi waaʼee mankuusaa fi waaʼee waan biraa irratti lubootaa fi Lewwota ajaje irraa hin jalʼanne.

16Hojiin Solomoon hundi gaafa hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufamee jalqabee hamma dhuma manichaatti haala tolaadhaan hojjetame. Akkasiinis manni qulqullummaa Waaqayyoo ni xumurame.

17Ergasii Solomoon gara magaalaawwan Eziyoon Geberii fi Eelooti kanneen biyya Edoom keessa qarqara galaanaatti argaman sanaa dhaqe. 18Huuraamis dooniiwwan ajajjoonni ofii isaa kanneen galaanicha beekan ajajan ergeef. Isaanis namoota Solomoon wajjin dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii dhibba afurii fi shantama fidanii Solomoon Mootichatti kennan.
Copyright information for GazHAHl