‏ 2 Corinthians 10

Phaawulos Tajaajila Isaatiif Falmate

1Ani Phaawulos kan yeroon isin bira jiru “Ija laafessa” yeroon isin irraa fagaadhu immoo “Ija jabeessa” taʼe garraamummaa fi gara laafina Kiristoosiin isinan kadhadha! 2Ani yeroon gara keessan dhufutti akka isin ija jabina ani warra waan nu akka yaada fooniitti jiraannu seʼan sana irratti nan qabaadha jedhee yaadu sana qabaadhu akka isin na hin goone isin kadhadha. 3Nu yoo fooniin jiraanne iyyuu akka yaada fooniitti hin lollu. 4Miʼi waraanaa kan nu ittiin lollu kan daʼannoo jigsuudhaaf humna Waaqaa qabuudha malee miʼa waraana foonii miti. 5Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona. 6Yommuu isin guutummaatti ajajamuu keessan raawwattanitti, nu immoo ajajamuu diduu hunda haaloo baʼuuf ni qophoofna.

7Isin waanuma isinitti mulʼatu qofa ilaaltu. Eenyu iyyuu yoo kan Kiristoos taʼuu isaatti amane akkuma inni kan Kiristoos taʼe, nus kan Kiristoos taʼuu keenya haa hubatu. 8Ani taayitaa keenya kan Gooftaan akka ittiin isin diignuuf utuu hin taʼin akka ittiin isin ijaarruuf nuu kenne sanaan caalaatti yoon boone iyyuu itti hin qaanaʼu. 9Ani waanan ergaa kootiin isin sodaachisuu yaalu fakkaachuu hin barbaadu. 10Namoonni tokko tokko, “Ergaan isaa ulfaataa fi cimaa dha; inni yeroo qaamaan argamutti garuu dadhabaa dha; dubbiin isaas tuffatamaa dha” jedhu. 11Warri akkasii akka wanni nu fagoo jiraannee barreessinuu fi wanni nu yeroo isaan wajjin jirrutti hojjennu tokkuma taʼe haa hubatan.

12Nu warra of saadan tokko tokkotti of ramaduuf yookaan isaaniin of qixxeessuuf ija hin jabaannu. Isaan yeroo walii isaaniitti of madaalanii fi walii isaaniitti of qixxeessan hin hubatan. 13Nu garuu hamma daangaa Waaqni nuu ramade kan isin bira gaʼuutti malee dandeettii keenyaa olitti of hin jajnu. 14Nu waan wangeela Kiristoos lallabaa gara keessan dhufneef, akka waan isin bira hin gaʼiniitti baayʼee hin hiixannuutii. 15Nu hojii warra kaaniin hojjetameen baayʼee of hin jajnu. Akkuma amantiin keessan guddachaa deemuun akka iddoon hojii keenyaa kan isin gidduutti argamu akka malee babalʼatu ni abdanna; 16kunis akka nu hojii duraan dursee biyya nama biraa keessatti hojjetameen utuu of hin jajin biyyoota isinii achi jiran keessatti wangeela lallabuu dandeenyuuf. 17Garuu, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu.” 18Nama Gooftaan galateessutu fudhatama argata malee namni of galateessu fudhatama hin argatuutii.
Copyright information for GazHAHl