‏ 2 Corinthians 11

Phaawulosii fi Ergamoota Sobaa

1Ani gowwummaa koo ishee xinnoo naa obsitu jedheen abdadha; duraanuu naa obsitaniirtu. 2Ani hinaaffaa Waaqaatiin isiniif nan hinaafa. Ani akka durba tokkootti fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhirsa tokko jechuunis Kiristoosiif isin kaadhimeeraatii. 3Garuu akkuma bofti haxxummaa isaatiin Hewaanin gowwoomse sana yaadni keessanis akkasuma dhugaa fi qulqullina ittiin Kiristoosiif of kennitan sana irraa ni dogoggorfama jedheen sodaadha. 4Namni tokko gara keessan dhufee yoo Yesuus nu isinii lallabne malee Yesuus kan biraa isinii lallabe, yookaan Hafuura nu isinii lallabne malee hafuura kan biraa yoo fudhattan, yookaan wangeela nu isinii lallabne malee wangeela kan biraa yoo fudhattan ni obsitu.

5Ani, “Ergamoota hangafoota” sanaa gaditti of hin ilaalu. 6Ani dubbiitti leenjii hin qabu; garuu beekumsa qaba. Kanas karaa hundaan sirriitti isinii ibsineerra. 7Wangeela Waaqaa gatii malee isinitti lallabuudhaan akka isin ol ol jettaniif ani gad of qabuun koo cubbuu turee? 8Ani isin tajaajiluuf jedhee gargaarsa isaan irraa fudhachuudhaan waldoota kiristaanaa kaan saameera. 9Ani yeroon isin bira turee fi yeroo waa na barbaachisetti eenyutti illee baʼaa hin taane; obboloonni Maqedooniyaa irraa dhufan waan na barbaachisuun na gargaaraa turaniitii. Anis waanuma tokkoon illee akka baʼaa isinitti hin taaneef of eeggachaan ture; amma illee ittuma fufee ofin eeggadha. 10Hamma dhugaan Kiristoos na keessa jirutti boonuu koo kana kutaalee biyya Akaayaa keessatti eenyu iyyuu na dhowwuu hin dandaʼu. 11Maaliif? Ani waan isin hin jaallanneef moo? Isin jaallachuu koo Waaqni ni beeka!

12Warra waan ittiin boonaniin nuun qixxaachuuf jedhanii carraa barbaaddatan carraa dhowwachuuf ani waanan amma hojjedhu ittuma fufee nan hojjedha. 13Namoonni akkanaa ergamoota sobaa, hojjettoota nama gowwoomsan, warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of geeddaranii dha. 14Seexanni mataan isaa ergamaa ifaa fakkaachuuf waan of geeddaruuf kun nama hin dinqu. 15Egaa tajaajiltoonni isaas yoo tajaajiltoota qajeelummaa fakkaachuuf of geeddaran kun waan nama dinqu miti. Dhumni isaaniis akkuma hojii isaanii taʼa.

Phaawulos Dhiphinaan Of jaje

16Ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha: Namni tokko iyyuu gowwaa na hin seʼin. Isin yoo gowwaa na seetan ani xinnoo akkan boonuuf akkuma gowwaa tokkootti na fudhadhaa. 17Ani of amanadhee boonuu kana keessatti akka gowwaa tokkoottin dubbadha malee akka Gooftaan dubbatutti hin dubbadhu. 18Waan namoonni hedduun akkuma yaada fooniitti boonaniif, anis nan boona. 19Isin ogeeyyii waan taataniif gammachuudhaan gowwootaaf obsitu! 20Yoo eenyu iyyuu isin garboomfate yookaan yoo isin irraa nyaate yookaan yoo faayidaa ofiitiif isinitti fayyadame yookaan yoo koore yookaan yoo isin kabale ni obsituutii. 21Akka nu waan akkasii irratti dadhaboo turre ani qaanaʼaa nan dubbadha.

Ani akka gowwaa tokkoottin dubbadha; waan namni kam iyyuu ittiin of jajuu fi ija jabaatu sana anis ittiin of jajuuf ija nan jabaa dha.
22Isaan Ibrootaa? Anis akkasuma. Isaan Israaʼelootaa? Anis akkasuma. Isaan sanyii Abrahaamii? Anis akkasuma. 23Isaan tajaajiltoota Kiristoosii? Ani akka nama qalbii dabarseettin dubbadhaatii ani nan caala. Ani caalchisee baayʼee itti dadhabeera; caalchisee yeroo baayʼee hidhameera; caalchisee akka malee garafameera; ammumaa ammas duʼaaf saaxilameera. 24Harka Yihuudootaattis siʼa shan afurtama jechuu tokko hanquu garafameera. 25Siʼa sadii uleen dhaanameera; siʼa tokko dhagaadhaan tumameera; siʼa sadii dooniin na jalaa caccabeera; halkan tokkoo fi guyyaa tokko galaana keessa tureera; 26ani utuun wal irraa hin kutin deemsa irra ture. Balaan lagaa, balaan saamtotaa, balaan saba kootii, balaan Namoota Ormaa, magaalaa keessatti balaan, gammoojjii keessatti balaan, galaana irratti balaan, obboloota sobaa irraas balaan na mudatee ture. 27Ani baayʼee hojjedhee bututeera; halkan baayʼee hirriba dhabeera; beelaʼeera; dheebodheera; yeroo baayʼee soomeera; dhaamodheera; daareeras. 28Kana hundumaa caalaa yaaddoo ani waldoota kiristaanaa hundumaaf qabutu guyyaa guyyaan natti ulfaata. 29Eenyutu dadhabaa dha? Ani hin dadhabuu ree? Eenyutu hin gufanne? Ani aaree hin gubadhuu ree?

30Ani yoon of jajuu qabaadhe waan dadhabbii koo mulʼisuun of nan jaja. 31Waaqaa fi Abbaan Gooftaa Yesuus inni bara baraan eebbifamu sun akka ani hin sobne ni beeka. 32Damaasqoo keessatti namichi mooticha Areexaas jalatti bulchaa biyyaa ture na qabsiisuuf jedhee magaalaa namoota Damaasqoo eegsisaa ture. 33Ani garuu foddaa dallaa keessaan guuboodhaan gad buufamee harka isaa jalaa baʼe.
Copyright information for GazHAHl