2 Corinthians 2
1Ani akkan lammata gaddaan gara keessan hin dhufne murteeffadheera. 2Yoo ani isin gaddisiise, isinuma warra ani gaddisiisu sana malee eenyutu na gammachiisa ree? 3Akkasitti barreessuun koo akka yommuu ani dhufutti namoonni na gammachiisuu qaban na hin gaddisiisneefi. Akka gammachuun koo gammachuu hunda keessanii taʼe ani hunda keessan nan amana ture. 4Ani dhiphina guddaa, yaaddoo garaatii fi imimmaan baayʼeedhaan isinii barreesseetii; kunis jaalalli ani isiniif qabu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniif malee isin gaddisiisuuf miti.Cubbamaaf Dhiifama Gochuu
5Eenyu iyyuu yoo nama gaddisiise utuu dubbii hoʼisuuf hin taʼin inni karaa tokko hunduma keessan gaddisiisuu isaati malee na gaddisiisuu isaa miti. 6Nama akkanaa irratti adabbiin harki caalaan keessan adabdan ni gaʼa. 7Qooda kanaa akka inni gadda guddaan hin liqimfamneef dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuutu isin irra jira. 8Kanaafuu ani akka isin jaalala isaaf qabdan cimsitan isinan kadhadha. 9Anis akka isin waan hunda irratti ajajamtoota taatan mirkaneeffachuufin waan kana isinii barreesse. 10Nama isin dhiifama gootaniif, anis dhiifama nan godha. Yoo wanti ani dhiifama godhe tokko iyyuu jiraates ani isiniif jedhee fuula Kiristoos duratti dhiifama godheera; 11kunis akka Seexanni nu hin gowwoomsineefi. Nu mala isaa hin wallaalluutii.Tajaajiltoota Kakuu Haaraa
12Yeroo ani wangeela Kiristoos lallabuuf Xirooʼaas dhaqee Gooftaan balbala naa banetti, 13waan ani obboleessa koo Tiitoo hin argatiniif, hafuurri koo boqonnaa hin arganne. Kanaafuu ani nagaatti isaaniin jedhee Maqedooniyaatti darbe. 14Waaqa yeroo hunda akka nu Kiristoosiin moʼannoo qabaannu nu taasisee urgaa beekumsa isaa karaa keenyaan iddoo hundatti facaasuuf galanni haa taʼu. 15Nu warra fayyifamaa jiranii fi warra baduutti jiran gidduutti Waaqaaf urgaa Kiristoos. 16Nu isa tokkoof urgaa duʼaa ti; isa kaaniif immoo urgaa jireenyaa ti. Egaa eenyutu waan kanaaf gaʼaa taʼa? 17Nu garuu akka namoota Waaqa biraa ergamaniitti Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti garaa qulqulluudhaan dubbanna malee akka namoota hedduu kanneen buʼaa argachuuf jedhanii dubbii Waaqaa gurguratan sanaa miti.
Copyright information for
GazHAHl