2 Corinthians 6
1Egaa nu warri Waaqa wajjin hojjennu, akka isin ayyaana Waaqaa akka waan gatii hin qabneetti hin fudhanne isin kadhanna. 2Inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera;guyyaa fayyinaattis si gargaareera” ▼
jedhaatii. Kunoo yeroon fudhatama qabu amma; guyyaan fayyinaas amma.
Gidiraa Phaawulos Irra Gaʼe
3Nu akka tajaajilli keenya hin tuffatamneef, karaa nama kamii irra iyyuu gufuu hin keenyu. 4Qooda kanaa nu karaa hundaan akka tajaajiltoota Waaqaatti of dhiʼeessina; obsa guddaadhaan, dhiphinaan, gidiraa fi yaaddoon, 5garafamuun, mana hidhaatti galfamuun, jeequmsaan, hojii dadhabsiisaa hojjechuun, hirriba dhabuun, beelaʼuun, 6qulqullaaʼummaan, hubannaan, obsaa fi gara laafinaan, Hafuura Qulqulluu fi jaalala of tuulummaa hin qabneen, 7dubbii dhugaatii fi humna Waaqaatiin, miʼa waraanaa kan qajeelinaa harka mirgaatii fi harka bitaatti qabachuun, 8ulfinaa fi salphinaan, maqaa baduu fi maqaa toluun jiraanneerra; akkasumas utuu dhugaa qabeeyyii taanee jirruu, sobduu jedhamneerra; 9beekamtoota turre; garuu akka warra hin beekaminiitti hedamne; nu duʼaa jirra; garuu kunoo ni jiraanna; ni tumamna; garuu hin ajjeefamnu; 10ni gaddina; garuu yeroo hunda ni gammanna; hiyyeeyyii dha; garuu namoota hedduu sooromsina; homaa hin qabnu; garuu waan hunda qabna. 11Yaa warra Qorontos, nu afaan guunnee isinitti dubbanneerra; garaan keenyas isiniif banamaa dha. 12Isinitu garaa nu dhokfate malee nu garaa isin hin dhokfanne. 13Ani akka waan isin ijoollee koo taataniittin isinitti dubbadha; isinis akkasuma garaa keessan balʼisaa nuu banaa.Warra Hin Amanneen Walitti Hin Camadaminaa
14Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba? 15Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba? 16Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera; “Ani isaan wajjin nan jiraadha;isaan gidduus nan deddeebiʼa.
Ani Waaqa isaanii nan taʼa;
isaanis saba koo ni taʼu.” ▼
17Kanaafuu, “Isaan keessaa baʼaa;
isaan irraas gargar foʼamaa;
jedha Gooftaan.
Waan xuraaʼaa hin tuqinaa,
anis isinan simadha.” ▼
18Amma illee, “Ani Abbaa isiniif nan taʼa;
isinis ilmaanii fi intallan koo ni taatu;
jedha Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu.” ▼
Copyright information for
GazHAHl