2 Corinthians 8
Arjummaa Qulqullootaaf Taasifame
1Yaa obboloota, waaʼee ayyaana Waaqni waldoota kiristaanaa Maqedooniyaatiif kennee isin akka beektan ni barbaanna. 2Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera. 3Ani akka isaan hamma dandeettii isaanii, dandeettii isaaniitii olis fedhii isaaniitiin kennan dhugaa nan baʼaatii. Isaan guutumaan guutuutti ofuma isaaniitiin 4carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan. 5Isaan garuu duraan dursanii Gooftaaf, ergasii immoo fedhii Waaqaatiin nuuf of kennan malee akka nu eegne hin goone. 6Kanaafuu Tiitoon akkuma duraan jalqabe sana hojii arjummaa kana gama keessaniin akka fiixaan baasuuf isa kadhanne. 7Isin garuu akkuma waan hundaan jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsaan, tattaaffii guutuu fi jaalala nuuf qabdaniin caaltan sana, kennaa arjummaa kaaniinis akka caaltan mirkaneessaa. 8Ani tattaaffii namoota kaaniitiin wal bira qabee jaalalli keessan dhugaa taʼuu isaa qoruu barbaadeeti malee isin ajajaa hin jiru. 9Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome. 10Waan kana irratti gorsi ani waaʼee waan hunda caalaa isiniif wayyuu irratti kennu kanaa dha. Isin waggaa darbe kennuu qofaan utuu hin taʼin fedhii kennuuf qabdaniinis kanneen jalqabaa turtan. 11Ammas fedhiin cimaan isin hojii sanaaf qabdan isa fiixa baasuu keessaniin akka mirkanaaʼuuf waanuma qabdaniin hojii sana fiixaan baasaa. 12Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti. 13Fedhiin keenya akka isin rakkattanii warra kaanitti immoo toluuf utuu hin taʼin akka wal qixxummaan jiraatuuf. 14Akka wanti isaan irraa hafu hirʼina keessan guutuuf, yeroo ammaa wanti isin irraa hafu hirʼina isaanii ni guuta. Yoos wal qixxummaan ni jiraata; 15kunis akkuma, “Isa baayʼee walitti qabateef baayʼeen hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” ▼ jedhamee barreeffamee dha.Tiitoon Qorontositti Ergame
16Waaqa yaaduma ani isiniif qabu garaa Tiitoo keessa kaaʼe sana nan galateeffadha. 17Tiitoon gorsa keenya fudhachuu qofaan utuu hin taʼin fedhii guddaan ofuma isaatiin kaʼee gara keessan dhufaa jiraatii. 18Nus obboleessa tajaajila wangeelaatiin waldoota kiristaanaa hundaan jajame sana isa wajjin ni ergina. 19Kana malees inni hojii nu ulfina Gooftaatii fi fedhii gaarii qabnu mulʼisuuf hojjennu keessatti akka nu wajjin deemuuf waldoota kiristaanaatiin filatameera. 20Nu kennaa arjummaa kana hojii irra oolchuu keessatti akka namni kam iyyuu maqaa nu hin balleessine of eegganna. 21Nu utuu fuula Gooftaa qofa duratti hin taʼin fuula namootaa durattis waan qajeelaa hojjechuuf tattaaffanna. 22Kana malees obboleessa keenya isa nu yeroo baayʼee waan hedduun qorree nama hisataa taʼuu isaa mirkaneeffanne sana isaan wajjin ergineerra; innis waan amantii guddaa isin irraa qabuuf kan duraa caalaa ni yaada. 23Waaʼee Tiitoo irratti, inni garee koo kan na wajjin isin gidduu hojjetuu dha; waaʼee obboloota keenyaa immoo isaan bakka buʼoota waldoota kiristaanaatii fi ulfina Kiristoos. 24Kanaafuu akka waldoonni kiristaanaa arguu dandaʼaniif dhugaa jaalala keessaniitii fi sababii nu isiniin of jajnuuf namoota kanneenitti argisiisaa.
Copyright information for
GazHAHl