2 Kings 12:17-21
17Yeruma kana keessa Hazaaʼeel mootiin Sooriyaa Gaatitti ol baʼee lolee ishee qabate. Ergasii immoo Yerusaaleminis loluuf itti gara gale. 18Yooʼaash mootichi Yihuudaa garuu miʼoota abbootiin isaa mootonni Yihuudaa Yehooshaafaax, Yehooraamii fi Ahaaziyaan Waaqaaf addaan baasanii fi kan inni mataan isaa Waaqaaf addaan baase, warqee kuusaa qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa hunda walitti qabee Hazaaʼeel mooticha Sooriyaatiif kenne; Hazaaʼeelis ergasii Yerusaalemii baʼee deeme. 19Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 20Qondaaltonni isaa isatti malatanii karaa Siilaatti gad buʼu irratti Beet Miilootti isa ajjeesan. 21Qondaaltonni isa ajjeesanis Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehoozaabaad ilma Shoomeer turan. Innis duʼee abbootii isaa biratti Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for
GazHAHl